Dura taa’aa Waajjjra KFO Godina Arsii Lixaafi miseensa koree giddu galeessaa kan ta’an Obbo Daraaroo Duubee bakka hojii isaaniitii humnoota mootummaan erga butamanii, torban tokko darbuun himame.
Obbo Daraaroo Duubee guyyaa saddeetiif waajjira poolisii magaalaa Shaashemannee ganda Abboostoo jedhamutti hidhamanis, hanga yoonaa mana murtiitti hin dhihaatin jiru jedhame.
Obbo Daraaroo Duubee itti Gaafatamaa waajjira KFO Godina Arsii Lixaa yoo ta’an, miseensa koree giddugaleessaa KFO keessaas nama tokko.
Hagayya 22 bara 2022 guyyaa saddeet dura humnoota mootummaatiin bakka hojii isaanii waajjira mootummaa keessaa butamuun, harkisaanii fuuncaan cancalamee mana hidhaa geeffamuu isaanii maddeen OMN-tti himan.
Guyyaa gaafa qabamanii sana hojii idileesaaniif jecha waajjira mootummaa seenanii osoo jiranii, poolisii humna addaa Oromiyaatiin to’atamuu isaanii malee badii isaan raawwatan ifaan dubbatamee himatni itti dhihaate akka hin jirres maddeen himaniiru.
Waajjira poolisii Magaalaa Shaashemannee ganda Abboostootti guyyaa saddeetiif hidhamanii jiraatanis, hanga har’aatti mana murtiitti hin dhihaatin jiraachuu isaanii miseensi maatii nama kanaa himeera.
Poolisiin yeroo isa qoratutti, ati deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti ittiin jedhamuu malee wanti qabatamaan ittiin himataman ammallee hin mul’anne jedhu maatiin.
Dura ta’aa KFO Godina Arsii Lixaa Obbo Daraaroo Duubee, hojjii mootummaa hojjechuudhaan hawaasa isaanii nama tajaajilu ta’uun cinatti paartii seera qabeessaafi karaa nagaa qabsaa’u KFO’f miseensa ta’uun hojjechaa jiraachuun ala, siyaasa dhokataa isaan hiisisu addaallee nama geggeessan miti jedhu maddeen OMN dhimma isaanii ilaalchisuun dubbise.
Obbo Daraaroo Duubee abbaa maatii waan ta’aniifi erga isaan hidhamanii as daa’immaniifi maatiin rakkoo keessa jiraachuu kan himan maddeen, sababni hidhamuu Obbo Daraaroo akkuma jedhame miseensa Waraana Biliisummaa Oromoo waan ta’eef osoo hin taane, Oromummaa isaanii qofaafi jedhu.
Paartii Koongirasii Federaalawaa Oromoo dabalatee paartileen siyaasaa Oromoo karaa nagaa qabsaa’uuf sochiirra jiran, qondaalotaafi miseensonni isaanii godinaalee adda addaatti hidhamaa jiraachuu yeroo hedduu ibsaa turaniiru.
GIPHY App Key not set. Please check settings