[ad_1]
Dura taa’aa itti aanaa fi hoogganaan hariiroo alaa KFO Jawaar Mohaammad siyaasni Oromoo siyaasa jibbaa fi haaloodhaan durfamu miti jedhe.
Jawaar imala galatoomaa itti fufuun Kanaadaa magaalaa Torontootti hawaasa daayaaspooraa waliin marii taasiseen, sirnoota dhufaa darbaan uummata Oromoo irra cunqursaa hamaan gahee jiraa jedhe.
Uummanni Oromoo sirnoota cunqursoo dhufaa darbaan isa hacuucan kanneen irratti qabsoo wareegama qaalii gaafatu taasisuu eeree, haata’uutii garuu siyaasni Oromoo siyaasa yaada haaloo bahuun durfamuu mitii jedhe.
Kana jechuun garuu uummanni Oromoo cunqursaa irratti raawwatamee fi miidhaa irra gahe ni dagata jechuu akka hin taane Jawaar Mohaammad himeeti jira.
Itoophiyaa keessatti qaamoleen marti yoo wal hin tunsin nageenyi waaraan dhufuu hin danda’u kan jedhe Jawaar, nageenyi nama tokkoo f paartii tokkoon dhufus akka hin jirre ibseeti jira.
Biyyattii diigumsaa fi uummatas walfixiinsa irraa baraaruuf qaamoleen dhimmi ilaallatu marti waliin hojjachuu, waltumsuu fi waldhaggeeffachuun akkaan murteessaa akka ta’es himeeti jira.
Jawaar imala galatoomaa Kaanaadaatti itti fufuun Winiipeegittis hawaasa dayaaspooraa waliin maryateeti jira.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings