[ad_1]
Dura Taa’aa Hawaasa Oromoo Ameerikaa kutaa Minisootaa kan turan Obbo Tashitee Waaqoo Mana Maree Magaalaa Biruukliin Paarkiif dorgomuun injifatan.
Obbo Tashiteen nama yeroo dheeraaf hawaasa Oromoo kutaa Minisootaa jiraatu hogganuun, ijaarama hawaasa Oromoo garas jiru jabeessuu keessatti gahee guddaa ba’an wayita ta’an, yeroo ammaammoo dorgommii taasisaniin sagalee miseensa Mana Maree Magaalaa Biruukliin Paark ta’uuf isaan dandeessisu argataniiru.
Bu’uuruma kanaan yeroo itti aanutti miseensa mana marii magaalaa Biruukliin Paark ta’uun hawaasa isaanii itti fufiinsaan tajaajiluuf carraa kan argatan Obbo Tashiteen, milkaa’inni isaanii milkaa’ina hawaasa Oromoo magaalichaati jedhu dhalattoonni Oromoo adeemsa filannoo kana irratti hirmaataa turan.
Gama biroon Paartii Dimokiraatotaa bakka buutee Kongiresii Ameerikaaf dhiyaachuuf tattaaffii jabaatti kan turte Shamarreen Oromoo Amaanee Badhaasoo dorgommii miilanaatiin hin milkoofne.
Amaaneen morkattuushee, bakka buutuu paartii Dimokiraatotaa kan yeroo dheeraa miseensa kongirasii turte Beetii Maak Koolaniin caalamuun dorgommicha keessaa baateetti.
Bu’aa filannoo booda, Amaaneen morkattuu ishee Maak Koolaniif ergaa baga gammaddee dabarsuun, Qophii fi Adeemsa filannoo yeroo dheeraa keessatti warra bifa garaagaraan ishee cina dhaabbatan galateeffateetti.
Imalli eegalte kun kanaan akka hin dhaabbannes waadaa seente.
Namoonni Amaanee cina dhaabbachuun Adeemsa Filannoo milkeessuuf hojjetaa turan gama isaaniin, Amaaneen dorgommii miilanaatiin milkaa’uudhaa baattus ulaa kanaan dura itti hin bu’amne saaquun dhalattoota Oromoo garas jiraniif fakkeenya guddaa taateetti jedhan.
Adeemsa kanaan dura hin baratamnetti seenanii mul’isuunuu injifannoo tokko ta’uu himuun, imala fuula duraattis hawaasni Oromoo garas jiru ishee cina dhaabbachuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings