in

Doktar Tedroos Adihaanoom waraanni kutaalee addunyaa garagaraa keessatti adeemsifamaa jiru akka dhaabbatu gaafatan. – OMN

[ad_1]

Doktar Tedroos Adihaanoom waraanni kutaalee addunyaa garagaraa keessatti adeemsifamaa jiru akka dhaabbatu gaafatan.

Hoogganaa olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Doktar Tedroos Adihaanoom waraanni kutaalee addunyaa garagaraa keessatti adeemsifamaa jiru akka dhaabbatu gaafatan.

Doktar Tewoodiroos kana kan gaafatan yaa’ii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa 75ffaa irratti haasaa baniinsaa taasisaniini.

Itoophiyaa dabalatee, waraanni Yukireen, Yamanii fi biyyoota biroo keessatti adeemsifamaa jiru nageenyaa fi tajaajila fayyaa gaagaa’uun lubbuu hedduu hobbaasaa jiraachuus dubbatan.

Waraanaa dhaabuuf filaannoo qabaachuu kan eeraan Doktar Tedroos Adihaanoom, “nageenyaaf fayyaa, fayyaaf ammoo nageenya filachuu qabna” jedhan.

Biyya isaanii keessatti waraanni bal’aan adeemsifamaa jiraachuu fi hulaan deeggarsa namoomaa namoota waraanaan miidhamaniif danqaa ta’us ibsani jiru.

Waraana, jeequmsa, dhiittaa mirga namoomaa fi dhiibbaawwan biroo irraa kan ka’e sadarkaa idil-addunyaatti bara 2021 qofa namoonni miliyoonotaan lakkaa’aman balaa buqqaatii fi baqaaf saaxilamanii jiru jechuun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Waajjirri Dhimma Baqattootaa (UNHCR) ibsee jira.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Ethio telecom recieved approval to launch micro-credit service

ROAD TO ESX