[ad_1]
Doktar Gammachuu Magarsaa kaleesaa ganama humnoota mootummaatiin qabamanii mana hidhaa erga tursiifamanii booda gara galgalaa sababa hidhamaniif utuu itti hin himamin har’atti beellamamuun hiikamuun isaanii himame.
Hayyuun Oromoo Doktar Gammachuu Magarsaa har’a ganama gara mana hidhaa kaleessa itti hidhamanii turaniitti deebi’anis, sababni hidhamuu isaanii utuu itti hin himamin, bilbilaafi meeshaa isaanii jala fudhatamee ture deebifatanii galanii jechuun Addis Standard gabaase.
Miidiyaan Diijitaalaa Addis Standard ilma Doktar Gammachuu Magarsaa, Soolan Gammachuu dubbisuun akka gabaasetti, Doktar Gammachuun sababa beekamaa hin taaneef hidhaman.
Kaleessa ganama kan hidhaman Doktar Gammachuun, kaleessuma waaree booda deebifamanii hiikamuu isaanii hima Soolan.
Haa ta’u malee garuu bilbila harkaafi meeshaalee isaanii achumatti akka dhiisan taasifamuun, har’atti beellamanii hiikanii jedha gabaasni Addis Standard.
Doktar Gammachuu Magarsaa guyyaa har’aa gara mana hidhaatti deebi’anii yoo gaafatan bilbilli isaanii deebifamuufis, sababni hidhamuu isaanii wanti ibsame hin jiru.
Hayyuun Oromoo Doktar Gammachuun barreessaa, barsiisaafi qorataa yoo ta’an, pirezidaantii Waldaa Maccaafi Tuulamaa duraanii ta’anii uummata Oromoo biraa jaalala guddaa horataniiru.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings