in

Dilbata kaleessaa magaalaa Gudaritti humnoonni mootummaa namoota nagaa lama dhukaasanii madeessuu hordofee uummanni dallanee bahuun karaa cufee oole.

[ad_1]

Dilbata kaleessaa magaalaa Gudaritti humnoonni mootummaa  namoota nagaa lama dhukaasanii madeessuu hordofee uummanni dallanee bahuun karaa cufee oole. 

 

Miidhamtoonni lamaan Maammush Kuukkuu fi Ganaanoo Adaanaa jedhaman Hospitaala Gudaritti kan waldhaanamaa jiran yoo ta’u uummanni karaa cufuusaatiin karaan Finfinnee lixa biyyattii geessu hanga galgalaatti cufaa oole jedhu jiraattoonni achirraa dubbifne.

Milishaan magaalaa Gudar  mucaa lafaa dhufa tokko WBO’dha jechuun qabee deemuuf yoo jedhu uummanni  didee harkaa baasuudhaan dubbiin kun akka eegale himameera.

Humnoonni mootummaa Gaachana Sirnaa jedhamu Miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo qabne jechuun dargaggeessa magaalaa san jiraatu reebaa turan. 

Kana kan argan dargaggoonni magaalaa Gudar akkamitti nama  nagaa karaarraa qabdanii reebdu jechuun humnoota kanatti dhakaa guurrachuun harkaa baasan. 

Kana hordofee gareen Gaachana Sirnaa kun dhukaasa bana. 

Dhukaasa kanaan immoo mucaan waggaa 10 Abbaabbii Kuukkuu jedhamu Kalee jala rukutame jedha jiraataan achirraa dubbifne. 

Mucaan xinnaan kun battaluma san gara Hospitaala Gudar geeffame. Magaalaan garuu hin tasgabboofne.  

Uummanni magaalaa dhakaa guurratee karaa cufe. Kanaan kan baarage humni poolisii magaalaa keessa ture humna kan biraa dabalachuun  dhukaasa bane.

Gidduu kanatti namni lammaffaan Ganaanoo Adaanaa jedhamu rukutame. 

Dargaggeessi kunis waldhaansaaf gara hospitaalaa kan geeffame ta’ullee mormiin itti fufee uummanni hanga galgala sa’aatii 12:00tti dhiyaatutti magaalaa karaa Finfinnee fi Lixa Oromiyaa geessu cufee oole.

Miidhamtoonni lamaan rasaasaan rukutaman Hospitaalota Xiqur Anbassaa fi Amboo jiraachuu dhageenye.  

Magaalaa Gudar garuu  kan yeroo kamuu caalaa humni waraanaa guutee jira amma. 

Akka jiraataan magaalatti OMN dubbise kun jedhetti asiin duras namuma nagaa Lixa Oromiyaarraa gara Gudar dhufe miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun qabanii yoo reeban uummanni irraa buusuu yaadachiiseera.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Ethiopia Day in Shandong, Celebrated Promoting Investment, Tourism –

Ethiopia Day in Shandong, Celebrated Promoting Investment, Tourism – | Satenaw: Ethiopian News