in

Dhalattoonni Walloo lolli Wallotti adeemsifamaa jiru lola uummata Oromoo Walloo fi Mootummaa naannoo Amaaraa jiddutti adeemsifamaa jiruudha jedhan.


Dhalattoonni Walloo lolli Wallotti adeemsifamaa jiru lola uummata Oromoo Walloo fi Mootummaa naannoo Amaaraa jiddutti adeemsifamaa jiruudha jedhan.

 

Humni Addaa Naannoo Amaaraa fi Faannoon qindominnaan meeshaalee waraanaa gurguddaa kanneen akka Laawuncharii, Matarayyaasii fi Isnaayparii hidhachuun uummata Oromoo Walloo lolaa jiraachuu dhalattoonni himani jiru.

Mootummaan naannoo Amaaraa cunqursaa siyaas-dinagdee fi hawaasummaa ummata Oromoo walloo irratti raawwatu itti fufee jira.

Humni Addaa Mootummaa Naannoo Amaaraa, humni finxaalessi faannoo jedhamuu fi miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa dhalattoota Amaaraa ta’an waliin ta’uun uummata Oromoo Walloo Aanaa Jillee Dhummuggaa waraanaa jiru.

Lolli tibbana Amajjii 20 bara 2023 irraa jalqabee ummata Walloo irratti baname lola Humna Addaa Amaaraa fi Faannoo kan mootummaan naannichaa hoogganu qindominnaan uummata Oromoo Walloo irratti bananiidha jedhan dhalatoonni Walloo OMN wajjiin turtii taasisan.

Humni Addaa Mootummaa Naannoo Amaaraa Aanaa Jillee Dhummuggaa naannawa Magaalaa Naannoytutti lola hawaasa Walloo irratti banuu kan ibsan dhalattoonni naannichaa, lubbuun namaa darbuu fi qabeenyi manca’uu himan.

Haleellaan gaafa Amajjii 20 bara 2023 jalqabame lubbuu namoota 40 caalaa galaafachuun namoota heddu madeesse kan jedhan dhalattoonni kunniin, mootummaan naannicha humna dabalataa Dabra Birhaan irraa Shawaa Roobititti akkasuma Deessee irra Harbutti buufatuun, dilbata gaafa Amajjii 22 bara 2023 hidhannoo gurguddaa kanneen akka Lawwunchari, Matarayyaasa fi Isnaayparii hidhatuun lola baneen magaalaa Naannoytuu qabate jechuun dubbatu.

Rayyaan Ittisa biyya bakka waraanni itti adeemsifamaa jiru dhaqqabus miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa dhalattoota Amaaraa ta’an humna addaa Amaaraa fi Faannoo deeggaruun uummata Oromoo waraanaa jiru jedhan.

Lolli ammaa kun lola hooganummaa mootummaa naannoo Amaaraatiin adeemsifamaa jiruudha kan jedha dhalattoonni Walloo, lola Godina Oromoo Walloo diiguutu banamee jedhan.

Yeroo garagaraatti humnoonni naannoo Amaaraa godina addaa Oromoo Walloo diiguuf dhaadataa turan, kana milkeessuuf mootummaan naannoo Amaaraa Humna Addaa fi Faannoo godinichatti bobbaasuun hidhannoo gurguddaa fi loojistiikiin deeggaree uummata Oromoo Walloo bakkeewwan akka Ganda Goodaa, Kaarra Naboo, Jawwaahaa fi iddoowwan birootti lolchiisaa jira jechuun dubbatu.

Ummanni Oromoo biyya keessaa fi alaa jiru kan ummata Wallootiin lolaa jiru qonnaan bulaa Amaaraa osoo hin taane humna Addaa Amaaraa fi Faannoo Amaaraa kan mootummaan Amaaraa hogganummaa fi hidhannoon deeggaru ta’uu hubatee birmannaa akka taasisu jechuun dhaammatani jiru.

 

 

 



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Ambassadors of Seri Lankan, Eswatini and UNICEF representative present Copies of Credentials to MoFA Ethiopia –

Ethiopia government pressuring farmers to sell wheat at own price: Report – Mereja