in

Dhalattoonni Walloo duula qinda’aa mootummaan naannoo Amaaraa itti baneen miidhamanii Hospitaala Adaamaa qaqqaban birmannaa uummataa gaafatan.


Dhalattoonni Walloo duula qinda’aa mootummaan naannoo Amaaraa itti baneen miidhamanii Hospitaala Adaamaa qaqqaban birmannaa uummataa gaafatan.

 

Madoowwan Walloorraa gara Adaamaa dhufuun Hospitaala Haayilamaaramitti yaala argachaa jiran keessaa namoonni muraasni akka OMN-tti himanitti, miidhamtootni hedduun kallattii ittiin dhufan dhabuun lubbuun isaanii darbaa jira.

Namoota Hospitaala seenan keessaas gariin lubbuun darbuufi gariin ammoo riiferiin barreeffamuufiis OMN-tti himan.

Abbaansaa Maanguddoo umuriin isaanii ganna 60 keessa jiran akka ta’aan kan himu maddi OMN dubbise, lola qinda’aa mootummaan naannoo Amaaraa Walloorratti baneen rasaasaan bakka lama rukutamanii, miidhaaf akka saaxilamanii jiran hima.

Gidiraafi rakkoowwan hedduu booda madoowwan biroo afur waliin Hospitaala Adaamaa akka isaan qaqqabsiise kan himu ilmi isaanii kun, erga Hospitaala seenanii namni lama bayyaannachuu dadhabuun lubbuun darban jedha.

Karaan Walloorraa gara Oromiyaa fidu humnoota faannoofi mootummaa naannoo Amaaraatiin cufamee waan jiruuf, kallattii jijjiirranii Affaar irraan adeemuu kan himan maddeen, karaan Affaar irraan gara Adaamaatti nama geessu fagoo ta’usaaf namoonni hedduun daandiirratti akka miidhaman taasisaa jira jechuun yaadasaa OMN’f kenne.

Hanga ammaatti namoonni kudhan ta’aan Hospitaala Riiferaalaa Adaamaa qaqqabuu OMN odeeffatee, namoota kanneen keessatti shamarran umuriin 18 gadi ta’aaniifi daa’imman, dargaggoonniifi maanguddoonnillee akka argaman odeeffateera.

Madoowwan Walloorraa gara Adaamaa fidamaniin alattillee yoo xiqqaate namoonni dhibbaan lakkaa’man  miidhamuun kallattiifi konkolaataa ittiin gara Adaamaa dhufan dhabanii, achitti du’a eeggachaa jiru jedha maddi keenya kun.

Warreen Hospitaala Adaamaa seenan keessaas namoonni muraasni yaala olaanaa akka argataniif riiferiin gara Hospitaala dhuunfaatti barreeffamuufii himanii, kana raawwachiisuuf garuu humna waan hin qabneef birmannaan uummataa akka barbaachisu gaafataniiru.

Mootummaan federaalaas ta’e qaamoleen dhuunfaa madoowwan Walloo jiran gara Adaamaafi hospitaalota gurguddootti fiduuf haala mijeessuu danda’an akka nuuf birmatan gaafannaa kan jedhan maddeen, hanga ammaatti yaalii bulchiinsa godinaarra darbee qaamni isaaniif birmate akka hin jirre himan.

 Sabboontotni fi namoota muraasni  magaalaa Adaamaarraa deddebi’uun akka isaan gaafachaa jiran himanii, deggersi dabalataa waan isana barbaachisuuf ammallee Oromoon nu haa iyyaafatu jechuun dhaammataniiru.

 

 



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Business: NEFC Group, UAE-based holding company, deploys Infor ERP to transform operations in Ethiopia, UAE – Satenaw: Ethiopian News

Ethiopian Orthodox Church Holy Synod excommunicates dissident clergy in life or death | Addis Zeybe