Dhalattoonni Oromooo biyya Ameerikaa Minisootaa fi Washington DC Jiraatan hiriira bahuun haleellaa Diroonii Oromiyaa keessatti lammiilee nagaa fixaa jiruu fi dararaa Ummata Oromoo irratti bifa garaagaraan raawwatamu balaaleffatan.
Mootummaan Ameerikaas tahe hawaasni addunyaa osoo Oromiyaan nagaa hin argatin Itoophiyaatti nagaa buusuun akka hin danda’amne hubachuu qabu, duguuggaa sanyii fi dararaa Ummata nagaa mudataa jiru callisaan ilaaluun haa dhaabbatu jedhan.
Haala qilleensaa ulfaataa keessatti hiriira bahuun Ummata isaanii biyyatti rakkoo hamaaf saaxilamee jiruuf sagalee kan ta’an dhalattoonni Oromoo kutaa Minisootaa, Mootummaan Itoophiyaa Oromiyaa keessatti haleellaa Diroonii raawwatuun lammiilee nagaa duguugaa jira, Qe’ee Oromoo Dirooniin barbadeessuun dhaabbachuu qaba jedhan.
Oromoon marti haala itti deemaa jiru irratti dammaquun gocha mootummaan Itoophiyaa raawwataa jiru kana miira tokkoon dura dhaabbachuutu barbaachisa kan jedhan hirmaattonni hiriira kanaa, Osoo qe’een Oromoo gubamuu, Itoophiyaatti nagaa buusuun akka hin danda’amne cimsanii hubachiisaniiru.
Haleellaawwan Diroonii Oromiyaa keessatti raawwatamaniin lammiilee dhumaniif sirna yaadannoo qopheessuurraa hanga hiriira bahanii gochicha balaaleffachuutti torbanoota darbaniif irra deddeebiin Ummata isaaniif sagalee tahaa kan turan dhalattoonni Oromoo Washington DC fi naannoo ishees kaleessas hiriira bahuun Ummata isaaniif itti fufiinsaan sagalee tahaniiru.
Hiriira Masaraa mootummaa biyyattii White House, Waajjira Ministira Haajaa Alaa fi Baankii Addunyaa dabalatee iddoowwan murteessoo ta’anitti irra deddeebiin ba’aa jiran kanaan rakkoo Ummanni Oromoo keessa jiru addunyaaf mul’isuu fi Ummatichi xiyyeeffannoo maluuf akka argatu gochuuf carraaqqii guddaa taasisaa jiru dhalattoonni Oromoo magaalaa Washington DC jiraatan kunniin.
Haleellaa Qilleensaa fi lafoon guyyuu ummata nagaa irratti raawwatamu cimsanii kan balaaleffatan hiriirtonni kun, isaan dabaan hidhamanii dararamaa jiraniifis sagalee tahaniiru.
Mootummaan Ameerikaas tahe hawaasni addunyaa haleellaa Oromiyaa keessatti Ummata nagaa mudataa jiruuf xiyyeeffannoo malu kennuu qabu kan jedhan hiriirtonni kunniin, Oromiyaan osoo nagaa hin argatin Itoophiyaatti nagaa buusuun akka hin danda’amne hubachiisaniiru.
Hanga biyyattiitti mirgi lubbuun jiraachuu lammiilee kabajamutti dhaabbileen Faayinaansii addunyaa sirna Abbaa Hirree Itoophiyaa tumsuun akka dhaabbatu, Ameerikaa fi hawaasni addunyaa sirna lubbuu lammiileef kabaja hin qabne deeggaruurraa akka of qusataniifi dararaa lammiilee nagaa hambisuuf dhiibbaa gama isaanii akka godhan gaafataniiru.
GIPHY App Key not set. Please check settings