in

Dhalattoonni Oromoo Washington DC fi naannooshee jiraatan hiriira bahuun haleellaa Diroonii fi yakkoota waraanaa bulchiinsi Abiy Ahimad Oromiyaa keessatti raawwataa jiru balaaleffatan.


Dhalattoonni Oromoo Washington DC fi naannooshee jiraatan hiriira bahuun haleellaa Diroonii fi yakkoota waraanaa bulchiinsi Abiy Ahimad Oromiyaa keessatti raawwataa jiru balaaleffatan.

 

Kaleessa Ulaa Whiteh House, Ministeera haajaa alaa fi Baankii Addunyaa fuulduratti argamuun Ummata isaaniif sagalee kan tahan dhalattoonni Oromoo kunniin, rakkoon Ummanni Oromoo keessa jiru xiyyeeffannoo malu akka argatuuf gaafataniiru.

“Mootummaan Itoophiyaa Ummata Oromoo irratti yakka waraanaa raawwataa jira, haata’u malee gochoonni Oromiyaa keessatti ta’aa jiran xiyyeeffannoo hin arganne” kan jedhan hiriirtonni, hanga rakkoon Oromiyaa hin furaminitti Itoophiyaattis tahe naannichatti nagaa buusuun akka hin danda’amne hubachiisaniiru.

“Bulchiinsi Abiy Ahimad deeggarsa maallaqaa dhaabbilee Idil-addunyaa irraa argatuun Diroonii bitee ummata nagaa qe’ee isaa irratti ittiin duguugaa jira, Baankii Addunyaa fi qaamoleen mootummaa Itoophiyaaf deeggarsa maallaqaa taasisan biroon gocha isaaniirraa hatattamaan dhaabbachuu qabu” jedhan. 

Mootummaan Ameerikaa fi hawaasni addunyaa rakkoo kaaba biyyattii qofa osoo hin taane, furmaata rakkoolee Oromiyaa keessa jiraniifis akka dhimmaman gaafataniiru.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Manneen barnoota Finfinnee Afaan Oromoo qofaan hojii baruu fi barsiisuu raawwachaa jiran hir’ina meeshaalee barnootaatiin rakkataa jiraachuu baraiisoonni himan.

Breaking: AU-led Ethiopia peace talk facilitators to announce agreement on cessation of hostilities