[ad_1]
Dhalattoonni Oromoo humnoota mootummaan manni irratti gubate waqtii gannaa kanaan rakkoo hamtuu keessa jirra jedhan.
Godina Shawaa Lixaa aanaa Ambootti baatii Caamsaa irraa jalqabee hanga ammaatti manneen jiraattotaa 49 caalaan humnoota mootummaan gubachuun dhagahame.
Mootummaan manneen jiraattotaa gubuu akka toftaa waraanaatti fayyadamaa jira jedhameeti jira.
Naannoo Oromiyaatti duula farra riphee lolaa jechuun mootummaan waraana erga labsee as kutaalee Oromiyaa garaagaraatti manneen jiraattotaa gubuun hammaachuutu ibsama.
Bakkeewwan manneen jiraattotaa humnoota mootummaan heddumminaan gubataa jiru keessaa godina Shawaa Lixaa aanaan Amboo ishee tokko.
Jiraattonni akka jedhanitti, baatii Caamsaa irraa jalqabee manneen jiraattotaa 49 caalaan humnoota mootummaan gubataniiti jiru.
Qonnaan bultoota aanichaa gidduudhaa kanneen yaada kennan, humnoonni mootummaa ganda isaanii erga haleelanii booddee uummanni keessaa baqachuu dubbatu.
Erga uummanni baqatee booddee immoo humnoonni mootummaa manneen jiraattotaatti ibidda kaa’uun gubuu himatu.
Bakka baqannee yeroo deebinu manneen hedduun gubatanii argine kan jedhan jiraattonni, hammeenya akka kanaa arginee hin beeknuu jedhan.
Qabeenyi tokko otoo nuuf hin hafin mana waliin nu jalaa gubate kan jedhan qonnaan bultoonni waqtii gannaa rooba keessatti mana malee hafnee jedhu.
Waanti nyaatan hin jiru, bakka itti boqatanis dhabne kan jedhan qonnaan bultoonni, daa’imman, dubartootaa fi maanguddoota qabannee ganna walakkaan rakkoo hamtuutu harkaa nu qabaa jechuun dubbatu.
Yakka wayiituu hin dalagne, maaliif mootummaan mana qonnaan bulaa ibiddaan barbadeessuu akka filate nuuf hin gallee jedhu.
Hoogganaan waajjira Biltsiginnaa damee Oromiyaa obboo Fiqaaduu Tasammaa karoora WBO balleessuu wayita dubbatan Qurxummii balleessuuf galaana gogsuutu furmaata jedhanii turan walgahii Caffee Oromiyaa irratti.
Ministirri muummee fi mataan biltsiginnaa Abiy Ahmad immoo haasaa paarlaamaa Itoophiyaaf taasisaniin uummanni WBOf dahoo ta’e, kanaaf balleessuu dadhabne jechuun dubbatanii turan.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings