in

Dhalattoonni Oromoo biyya UK magaalota garaagaraa jiraatan magaalaa Landanitti walitti dhufanii hiriira mormii geggeessuuf qophii taasisaa jiraachuu himan.

[ad_1]

Dhalattoonni Oromoo biyya UK magaalota garaagaraa jiraatan magaalaa Landanitti walitti dhufanii hiriira mormii geggeessuuf qophii taasisaa jiraachuu himan.

 

Hiriirichi kan gaggeeffamu  Muddee 21, 2022 Jimaata dhufu  tahuu fi Oromoonni biyya UK magaalota adda addaa keessa jiraatan martuu xiqqaa guddaa, dhiiraa dubartii osoon jenne tokkummaan bahanii sagalee Oromoo fi Oromiyaaf akka tahan waamichi koree qindeessituu hiriirichaan dhiyaateera.

Hiriiriichi kan gaggeeffamu magaalaa Landan iddoo “Number ten downing Street” jedhamu waajjira Ministira Muummee fuuldurattii tahuu itti gaafatamtuun waldaa dubartoota Oromoo UK fi gaggeessituu koree qindeessitoota hiriirichaa kan ta’an aaddee Addisee Dheeressaa OMN’tti himan.

Kaayyoon hiriirichaa ajjeechaa mootummaa fi humnoonni Faannoo uummata Oromoo irratti raawwachaa jiran balaaleffachuufi hawaasa miidhameef sagalee tahuufi jedhu.

Gochoota fokkisoo Oromiyaa keessatti qulqulloota irratti raawwatamaa jiran wayta ibsan aadde Aaddisee Dheeressaa, gaafa Minilik harkaafi harma muraa dhageenye har’a ammoo morma muraa argaa jirra muruu bira darbanii irraa dhaaddachaa jiru, kun waan akkan nama gaddisiisuufi diinummaa gareewwan sirna minilik deebisuuf yaalaa jiran kun qaban agarsiisa jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa ummata Oromoo maqaa gara garaa itti moggaasee humna qilleensaa fi waraana lafootin fixaa jira kan jedhan aaddee Addiseen, kana malees gareen  Faannoo ajjeechaa suukanneessaa ilmaan Oromoo irratti raawwataa jiraachuu ibsan.

Itti dabaluun yeroo ammaa dubartiin Oromoo ulfa ji’a 8 waliin gubachaa, daa’imman, dargaggeessi, jaarsi osoo hin hafne dhumaatii fi buqqaatiif saaxilamaa jiraachuu himanii, kun hirriiba waan nu dhoorkeef hawaasa keenyaaf sagalee tahuu murteessinee jedhan.

Ummanni Oromoo martuu ajandaa diinni Oromoo addaan qoqqooduuf baafateen burjaaja’uu dhiisee inni biyya keessa jirus tokkummaan ka’ee falmachuu akka qabu dhaamsa dabarsaniiru.

Duguuggaan sanyii saba Oromoorratti kallattii garaagaraatiin raawwatamaa jiru dhaabbachuu akka qabu, rakkoo Oromoofi Oromiyaan keessa jirtu mootummaan addunyaa akka beekuf hiriirri biyyoota alaatti jalqabe jabaatee akka itti fufus dhaamaniiru.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Proclamation To allow Movable Assets as Security for Credit Will Be Announced Soon: National Bank of Ethiopia – Satenaw: Ethiopian News

GERD Must be considered as Symbol of Regional Economic Integration: Expert – Satenaw: Ethiopian News