in

Dhalattoonni Oromoo biyya UK magaalaa London fi naannawaa ishee jiraatan har’a hiriira mormii bahan. – OMN


Dhalattoonni Oromoo biyya UK magaalaa London fi naannawaa ishee jiraatan har’a hiriira mormii bahan.

 

Lammiilren kunneen haleellaa diroonii Oromiyaa keessatti lubbuu lammiilee nagaa gaaga’aa jiruu fi waraana Oromiyaa irratti labsamee badii guddaa geessisaa jiru mormuuni hiriira kan bahan.

Lammiileen kunneen hiriira naannawaa waajjira ministira muummee UKtti bahaniin, haleellaa dirooniitiin kutaalee Oromiyaa garaagaraatti lubbuun lammiilee nagaa heddumminaan darbaa jiraachuu himan.

Haleellaan diroonii kun naannawaa manneen jireenyaa,  manneen barnootaa, gabaa akkasumas bakkeewwan namoonni nagaan itti heddummaatanitti raawwatamuun lubbuu namoota nagaa dhibbootaan lakkaa’amanii dabarsee jedhan.

Mootummaan ta’e jedhee uummata nagaa irratti haleellaa raawwataa jiraachuu himuun, kanaaf ragaan qondaalonni mootummaa olaanoon jalqabuma irraa dhaadannoo “Qurxummii balleessuuf galaana gogsuu” jedhuun uummata irratti waraana labsanii jedhan.

Waraanni lafoo mootummaas guyyaa guyyaan namoota nagaa galaafataa jira, uummata Oromoo irratti humna qilleensaa fi lafootiin mootummaan duguuggaa sanyii raawwataa jira jechuun dhaadannoo dhageeessisan.

Hawaasni addunyaa dhumaatii uummata Oromoo irratti raawwatamaa jiruuf xiyyeeffannaa akka kennu, darbees mootummaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa akka geessisu hiriirtonni Londonitti hiriira mormii bahan gaafataniiti jiru.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Ethiopia, Sudan Agree to Solve Differences Peacefully –

Tapha Waancaa Addunyaa Qaatar har’aatiin Morookoo fi Kirooshiyaan ramaddii itti aanutti yoo darban Beeljiyeemii fi Kanaadaan kufan. – OMN