[ad_1]
Dhalattoonni Oromoo biyya Qaataar magaalaa Dohaa jiraatan har’a Irreecha Irreeffatan.
Dhalattoonni Oromoo Qaataar jiraatan Irreeffachuun gamatti ayyaanicha qophiilee garaagaraatiin kabajaniiti jiru.
Hirmaattonni sirna kabaja ayyaana Irreechaa yaada kennaniin, Irreechi mallattoo tokkummaa Oromooti jedhan.
Sirnoonni dhufaa darban aadaa, seenaa, duudhaa fi eenyummaa Oromoo balleessuuf akka sirnaatti irratti hojjataa turuu eeranii, uummanni Oromoo wareegama qaalii kaffalaa duudhaa, aadaa, eenyummaa fi seenaa isaa ammaan gahuu himaniiru.
Ayyaana Irreechaa sirnoota dhufaa darbaan ukkaamfamee ture malkaawwanitti deebisuun irreeffachuuf wareegama guddaan kafalamuu eeranii, dhaloonni kun duudhaa, aadaa, seenaa fi eenyummaa Oromoo aarsaa guddaan itti kafalame yoona gahe caalatti dagaagsuun dhaloota dhufu dhaalchisuu qabaa jedhan hirmaattonni sirna kabaja ayyaanichaa.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings