in

Dhalattoonni Oromoo biyya Nezerlaandis magaalaa Amistardaamii fi naannawaa ishee jiraatan har’a hiriira mormii bahan. – OMN

[ad_1]

Dhalattoonni Oromoo biyya Nezerlaandis magaalaa Amistardaamii fi naannawaa ishee jiraatan har’a hiriira mormii bahan.

 

Hiriirtonni magaalaa Amistardaam haleellaa diroonii Oromiyaa irratti raawwatamaa jiru akkasumas waraana Oromoo fi Oromiyaa irratti labsame cimsanii balaaleffataniiru.

Mootummaan ministira muummee Abiy Ahimad humnoota lafoo fi qilleensaan uummata Oromoo irratti dhumaatii raawwataa jiraa jedha.

Diroonii fi xiyyaarota waraanaan qe’ee uummataa, manneen barnootaa, gabaa akkasumas bakkeewwan uummanni itti heddummaatu haleeluun balaa suukkaneessaatu uummata irra gahaa jiraa jedhan.

Kana malees humnoonni lafoo mootummaa namoota nagaa ajjeeesuu, qe’ee uummataa gubuu, namoota jumlaan hidhaatti guuruu fi yakkoota jajjaboo uummata irratti raawwataa jiru kan jedhan hiriirtonni magaalaa Amistardaam, waraanni Oromiyaa keessatti deemaa jiru lammiilee nagaa irraan gaaga’ama hamaa geessisaa akka jiru ibsan.

Qondaalonni mootummaa Itoophiyaa jalqabumaa  imaammata waraanaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuudhaaf uummata balleessuu jedhu qabatanii gara waraanaatti akka seenanis eeraniiti jiru hiriirtonni.

Hawaasni addunyaa waraana Oromiyaa keessatti lubbuu qulqullootaa harcaasaa jiruuf xiyyeeffannaa gahaa akka hin kennine eeranii, waraanni kun akkanaan itti fufnaan badii guddaa kana caalaa uummata irraan akka geessisu himaniiru.

Hawaasni addunyaa mootummaa Itoophiyaa irraan dhiibbaa akka geessisus hiriirtonni magaalaa Amistardaam yaamicha dhiheessaniiru.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Tapha Waancaa Addunyaa Qaatar har’aatiin Morookoo fi Kirooshiyaan ramaddii itti aanutti yoo darban Beeljiyeemii fi Kanaadaan kufan. – OMN

Ethiopia set date for Eritrean forces to withdraw from Tigray region – Mereja