Dhalattoonni Oromoo Biyya Kaanaadaa magaalaa Toroontoo fi Naannooshee jiraatan Ummata Oromoo biyyatti waraana, beelaa fi hongeen dararamaa jiruuf sagalee tahuuf hiriira guddaa qopheessuu ibsan.
Hiriirri kun guyyaa borii, jechuunis Onkoloolessa 22, 2022 kan geggeeffamu tahuu kan ibsan Dura Taa’aan Hawaasa Oromoo Toroontoo Obbo Abdii Dambalaa, kaayyoon hiriirichaa waan Oromoon keessa jiru addunyaaf mul’isuudha, Ummata keenyaaf waloon sagalee tahuudha jedhan.
Hiriira kana irratti hawaasni Oromoo Ottawaa, Kichineer, Hamilton fi kan biroon ni hirmaatu jennee eegna, hawaasni Oromoo kutaalee biyyattii biroo keessa jiraatus bal’inaan bahee Ummata keenyaaf waloon sagalee akka taanu gaafanna jedhan
Hiriirri kun biyya UK magaalaa London’ttis karoorfameera.
Hiriirri dhalattoonni Oromoo magaalaa London fi naannooshee jiraatan qopheeffatan kun Onkoloolessa 27, 2022 kan geggeeffamu tahuu kan ibse Koreen qindeessituu hiriira kanaa, hawaasni Oromoo garas jiraatu bal’inaan bahee irratti akka hirmaatuuf waamicha taasiseera.
Kaayyoon hiriira kanaas rakkoolee Ummata Oromoo mudataa jiran addunyaaf mul’isuun, haalli Oromiyaa keessa jiru xiyyeeffannoo hawaasa addunyaa akka argatu gochuu akka tahe ibsameera.
GIPHY App Key not set. Please check settings