Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gaanfi Afrikaa rakkoo beelaa waggoota 70 darban keessaa isa hamaa ta’e keessa jiraa jedhe.
Dhaabbatichi akka ibsetti gaanfa Afrikaatti namoonni miiliyoona 37 ol ta’an beela cimaa keessa kan jiran yoo ta’u, daa’imman waggaa shanii gadi tilmaamaan miliyoona 7 ta’an hanqina nyaataa cimaa keessa jiru.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gaanfa Afrikaa keessatti namoonnii miliyoonaa 37 ol balaa beelaa cimaa keessa jiraachuu beeksise.
Rakkoon beelaa kun ammoo waggoota 70 darban keessatti muudatee kan hin beekne yoo ta’u, sababa kanaan namoonni miliyoonaan lakka’aman beelaaf saaxilamanii jiru.
Fedhii fayyaa dabalaa dhufeef deebii kennuu fi rakkoon nyaataa gara rakkoo fayyaatti akka hin jijjiiramne ittisuuf ejensiin dhaabbata biyyoota gamtoomanii doolaara miiliyoona 100 fi milyoona 23 caalaan akka kennamu gaafachaa jira.
Gargaraan daayireektar olaanaa deebii balaa tasaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Ibraahim Soosii Faal “Haalli jiru balaa guddaa qaba, amma tarkaanfii fudhachuu qabna, rakkoo maallaqa gadi aanaa kana keessatti itti fufuu hin dandeenyu” jechuun yaaddoo qaban ibsanii jiru.
Ibraahim Soosii yaada biraa fuula tiwiitara isaanii irratti barreessaniin “rakkoon nyaataa fi fayyaa gaanfa Afrikaa keessatti mudate kan nama rifachiisudha, maallaqa gahaa ummata eeguuf nu gargaaru hin qabnun namoonni miliyoonaan lakkaa’aman beela’uu fi tajaajila fayyaa barbaachisaa ta’e argachuu dhabuu isaanii rakkoon wabii nyaataatiif saaxilamaa jiru jedhan.
Jijjiiramni qilleensaa, walitti bu’iinsi, gatiin nyaataa dabalaa dhufuu fi weerarri COVID-19 rakkoo hongee fi beelaa kana hammeessuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibsee jira.
Hooggantuun taatee yeroo Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Soofiyaa Mee’iz waqxiin roobaa afur rooba malee darbee jira waqxiin shanaffanis rooba malee akka darbu tilmaamamaa jira, bakkeewwan gogiinsi jiru hundatti rakkoon hammaataa deemaa jechuun ibsani jiru.
Gaanfa Afrikaatti namoonni miliyoona 37 shallaggii sagantaa gargaarsaa wabii nyaataa rammaddi 3ffaa irratti kana argaman yoo tahuu ji’oota dhufan muraasa keessatti gara rammaddii 4ffaa akka ce’uu danda’an tilmaamama.
Keessumaa bahaa fi kibba Ityoophiyaa, bahaa fi kaaba Keeniyaa, akkasumas kibbaa fi giddu galeessa Somaaliyaa keessatti miidhaan hamaan sababa hoongee fi gogiinsaatiin dhaqqabaa jira jedha ibsi dhaabbata fayyaa addunyaa.
Sudaan kibbaa keessatti ammoo namoonni Miliyoona 8.3 wabii nyaataa dhabuun rakkoo beelaatiif saaxilamuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibsee jira.
Dhaabbatichi hanqinni nyaataa cimaan yeroo muudatu ummanni nyaataa fi dheedichaa barbaaduuf socho’a, kun ammoo godaansi akka dabalu taasisa jedhe.
Dhaabbata Biyyoota Gamtooamanitti Waajjirri Qindeessaa Deeggarsa namoomaa OCHAn kibbaa fi kibba baha Itoophiyaatti sababa hoongee fi waraanaatiin namoonni miliyoonaa 7.4 beela’anii jiraachuu kan ibse yemmuu ta’u beeyladoonni miliyoona 2.5 gahan du’uu ibsuun isaa ni yaadatama.
GIPHY App Key not set. Please check settings