Daandiin Geedoo-Mana Beenyaa sadarkaa tajaajila geejibaa kennuu dadhabuu irra akka jiru jiraattonni himan.
Jiraattonni OMNf yaada isaanii kennan hojiin daandii kanaa erga jalqabamee waggoota saddeet darbee jira jedhan.
Waggoota kana keessatti kontiraaktaroonni garaagaraa itti jijjiiramanis hojiin daandii kanaa eessayyuu akka hin geenye himaniiti jiru.
Dhuma irratti mootummaan naannoo Oromiyaa akka xumuramun taasisa jedhee waadaa seenuu kan dubbatan jiraattonni, waadaan mootummaa naannoo Oromiyaas otoo bu’aa tokko hin fidin achumaan hafee jedhu.
Manca’uu daandii kanaatiin jiraattonni rakkoo hammaataaf saaxilamuu eeranii, daandiin kun sadarkaa tajaajila dhaabuu irra gahuu himaniiru.
Kanaanis hawaasni dhaabbata fayyaa gahuu akkasumas bakka bakkatti socho’ee dhimma isaa raawwatachuu akka dadhabe dubbataniiru.
Rakkoo daandii fi kufaatiin misooma bu’uuraa waliigalaa naannoo Oromiyaa akka mudate jiraattonni godinaalee Oromiyaa garaagaraa himataa turan.
Mootummaan bajata misooma bu’uuraa guutuu gara waraanaatti deebisuun rakkoo kana akka hammeessetu himama.
GIPHY App Key not set. Please check settings