[ad_1]
Daa’imman humnaan gara leenjii waraanaatti erguun humnoota mootummaatiin kutaalee Oromiyaa garaagaraatti raawwatamaa jiru hammaatee itti fufee jira jedhame.
Godina Harargee Bahaa aanaa Meettaa Magaalaa Qullubbii fi baadiyyaa naannawa ishii jiran hundatti halkan edaa milishaa dabalatee humnoonni hidhatan mootummaa mana namootaarra deemuun humnaan guuraa bulan jedhu jiraattonni.
Gama birootiin immoo godina Harargee Lixaa aanaa Gubbaa Qorichaatti hidhaa fi reebichi dargaggoota nagayaarratti raawwatamaa jiraachuun himameera.
Akka maddeen OMN himanitti erga lolli kaabaa irra deebiin jalqabamee as humnoonni mootummaa maqaa deeggarsa raayyaa ittisa biyyaa jedhuun maallaqa ummatarraa sassaabuurraa hanga daa’imman umriin lolaaf hingahin, barattootaafi dargaggoota Oromoo dirqisiisuun gara lolaatti erguutti ummata dararaa jiru.
Taateen kun kutaalee Oromiyaa hundatti raawwatamaa jiraatus Baha Oromiyaatti garuu bifa addaatiin raawwatamaa jiraachuu gabaasaa turre.
Haaluma kanaan Godina Harargee Bahaa aanaa Meettaa Magaalaa Qullubbii fi baadiyyaa naannawa ishii jiran hundatti halkan edaa milishaa dabalatee humnoonni hidhatan mootummaa mana namootaarra deemuun humnaan nama guuraa bulan jedhu jiraattonni.
Oduma walqabateen godina Harargee Lixaa aanaa Gubbaa Qorichaa keessattis dargaggoota ukkaamsanii guuruun hammaatee jiraachuu jiraattonni himan
Kana malees aanichatti hidhaa fi reebichi dargaggoota nagayaarratti raawwatamaa jira jedhaniiru.
Aanaa Gubbaa Qorichaa Araddaa 05 Ganda Mi’eessaa jedhamu keessatti guyyaa dheengaddaa humnoonni mootummaa ganamaan bobba’anii qeerrowwan baay’ee reebicha irraan gahuun hedduu mana hidhatti guuruu dargaggoon aanichaa sodaa nageenyaaf sagaleen isaa akka dhagayamu hin barbaanne tokko himee jira.
Reebicha cimaa raawwataniin dargaggoon Leencoo Sheek Mohammad jedhamu akka malee miidhamee yeroo ammaa yaalaf gara magaalaa Ciroo dabarfamuu himameera.
Dargaggoonni hedduunis mana hidhaa aanichaatti darbatamanii jiru jedhu jiraattonni.
Akka dargaggoon dubbifne jedhutti, Sababni reebichaafi hidhaa kanaatis WBOtu isin keessa jira, WBO waliin hidhata qabdan kan jedhu akka tahe himamee jira.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings