[ad_1]
Caasaaleen mootummaa naannoo Oromiyaa kan gara gadii godina Gujii Bahaa aanaa Sabbaa Boruutti lakkoofsa namoota beelaan dhumanii gara caasaa isaanii oliitti gabaasuuf xalayaawwan barreessan OMN qaqqabe.
Xalayaawwan kunneen gandoota garaagaraatti namoonni hedduun beelaan dhumuu isaanii agarsiisan.
Aanaa Sabbaa Boruutti bulchaan ganda Sabbaa Leemmuu xalayaa bulchiinsa aanichaaf barreessaniin maqaa namoota sagalii ganda isaanii keessatti beelaan dhumanii tarreessan.
Eebbisaa Gumii Bobbaasaa, Leemmuu Caaccuu Hirbaayyoo, Lobee Galgaloo Uddeessaa, Alamuu Neengoo Bokkuu, Rogicha Mi’eessaa Boodaa, Bayyanaa Uddoo Xeedaa, Dukkaanii Alakkaa Adoolaa, Dureettii Gumii Boobbaasaa fi Gammachiituu Bohoo Uddeessaa fa’aa beelan lubbuun isaanii darbee jedhan.
Bulchaan ganda Fiigaa Biikee gama isaaniitiin namoonni 20n ganda isaaniitti beelan dhumuu xalayaa aanaaf barreessaniin gabaasan.
Maqaa namoota beelli fixees tarreessanii aanaan xalayaa sana harkaa qaba.
Gama biraatiin godina Gujii Bahaa aanaa Sabbaa Boruu ganda Saaphansaa kan jiraatan abbaan warraa dubartii tibba kana sababa beelaan duutee daa’imni otoo harma hootuu argamtee beela jabduutu harkaa nu qabaa jedhan.
Obbo Dheekkamaa Elemaa abbaan warraa addee Dukkoo Xonaa haala turee fi haala ammaan kana maatiin itti jiran ilaalchisuun waan jedhan, beelatu haadha warraa isaanii ajjeese.
Bakka biraa hojiif dhaqanii yeroo deebi’an haati warraa beelaan jalaa du’uu himatu.
Aanaadhuma kanatti abbaan ijoollee torbaa tokko beelli yeroo na harkatti fixu taa’ee hin ilaalu jedhanii akka of ajjeesan jiraattotatu hime.
Jiraattonni aanaa Sabbaa Boruu namoonni 20 caalaan beelaan dhumuu quba qabna jedhu.
Itti gaafatamaan Waajjira Buusaa Gonofaa aanaa Sabbaa Boruu obbo Mokonaa Hoxxeessaa immoo guyyoottan dura namoonni sababa beelaa lubbuu dhaban 12 jedhanii turan.
Bulchiinsi godinichaa namni beelaan du’e hin jiru wayita jedhu, waajjirri buusaa gonofaa kan naannoo Oromiyaa immoo beelli sadarkaa nama ajjeesuu irra hin geenye jedhee, namni beelaan du’uu waakkate.
Ministir deetaan ministeera nagaa obbo Taayyee Danda’aa immoo Sabbaa Boruu qofa miti aanaalee akka Liiban dabalatee lubbuun namoota hedduu darbuu eeranii, maqaa namoota beelaan dhumanii tarreessan.
Qondaalonni mootummaa naannoo Oromiyaa gidiraa fi dhumaatii uummataa kana dhoksuuf yaalaa jiru jechuunis qeeqan.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings