in

Buqqaatonni kumaataan lakkaa’an kanneen magaalaa Shaambuu qubatanii jiran gargaarsa homaatuu hin arganne jechuun komatan. – OMN


Buqqaatonni kumaataan lakkaa’an kanneen magaalaa Shaambuu qubatanii jiran gargaarsa homaatuu hin arganne jechuun komatan.

 

Godinaalee Wallagga Bahaa, Baalee fi Baalee Bahaatti buqqaatonni sababa weerara daangaa fi beelaatin qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’anis deeggarsa hatattamaa kan barbaadan tahuu himachaa jiru.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee adda addaa irraa sababa haleellaa humnoota naannoo Amaaraatii hidhatanii dhufaniin buqqa’anii magaalaa Shaambuu Yuunivarsiitii Wallaggaa damee Shaambuu fi buufata konkolaataa magaalaa Shaambuu keessa lammiileen yeroof qubatanii jiran deeggarsi namoomaa isaan dhaqqabaa akka hin jirre himaniiru.

Akka godina kanaatti namoonni rakkoo kanaan qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an kuma 78 ol ta’uu odeeffannoon arganne ni addeessa.

Erga buqqaatonni kumootaan lakkaa’aman magaalaa Shaambuu keessa qubatanii jalqabee gaafa duraa yunivarsiitiin Wallaggaa nyaata, uffataa fi mallaqa gargaaraa akka ture ibsuun waytii ammaa garuu deeggarsa dhabanii rakkachaa jiraachuu jiraattonni aanaa Jardaagaa Jaartee irraa buqqa’an himaniiru.

Osoo uummanni magaalaa Shaambuu nyaatan buqqaatota kana deeggaruu baatee sababa beelaatiin lubbuun namoota baay’ee darbuu akka danda’us ibsaniiru.

Namoonni dhukkubsatan haala ulfaataa keessa jiru kan jedhan jiraattonni darbee darbee yaalas argataa akka jiran himu.

Jiraattonni aanaa Amuruu irraa buqqa’uun garas qubsiifaman ammoo duraan dhaabbata Fannoo diimaa fi UNICEFtu deeggarsa nuuf taasisaa ture ammammoo deeggarsi godhamaa ture addaan cituu irraa kan ka’e rakkoo hamaaf saaxilamaa jirraa jedhan.

Itti gaafatamaan waajjira Buusaa Gonofaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Hamdihuun Nuuruu yaada sagalee Ameerikaatiif kennaniin gama isaaniin buqqaatota kanaaf deggersi kallattii adda addaatin godhamaafii jiraachuu dubbatu.

Sadarkaa Naanoo fi Federaaalaattis waliin qindoomuun deeggarsi taasifamaa jira kan jedhan Itti gaafatamaan waajjira Buusaa Gonofaa godinichaa dhaabbilee mootummaa fi mit-mootummaa gaafannee hawaasa kana baraaruuf yaalii gooneerra, garuu deeggarsi taasifame gahaa mitii jedhu.

Anaalee 3 jechuunis Amuruu, Jardaagaa Jaartee fi Horroo Bulluq irraa jiraattonni maatiisaanii waliin qe’ee fi godoo isaanii irraa buqqa’an kuma 78 ol tahuu waajjirri Buusaa Gonofaa Oromiyaatis mirkaneesseera. 

Kanas kan ibsan itti aanaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa kan ta’an Obbo Garramuu Oliiqaati.

Gaaffiin buqqaatotaa ammoo akkamiin qe’ee keenyatti deebinee jireenya geggeeffanna kan jedhu yoo ta’u kanaaf furmaata waaraa dhabuu komatu.

Deeggarsi guyyaa tokkoofi lama nutti darbatamu gowwoomsaadha malee lafa keenyaafi qe’ee keenyarratti abbaa nun taasisu kan jedhan buqqaatonni mootummaas ta’ee qaamonni dhimmi ilaalu akka gara qe’ee keenyaatti deebinu fala barbaaduu qabuu jedhu.

Oduma walqabateen weerara humnoonni hidhatan daangaa ce’uun raawwachaa jiraniin godina Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa gandoota Haroo Ayyaanaa, Dooroo Oborraa, Gaattiraa, Gomboo fi Nageessoo jedhaman keessaa uummanni kumatamaan lakkaa’amu qe’ee fi qabeenya isaa irraa  buqqa’uun magaalaa Ayyaanaa keessa qubate deeggarsa namoomaa dhabuun rakkachaa jiraachuu jirattonni ni himatu.

Gama biraatin godinoota rakkoo beelaa fi buqqaatiitiin miidhamaa jiran keessaa tokko Godina Baaleeti.

Baalee aanaa Gurra Dhaamoleetti ummanni sababa weerara daangaa fi beelaatiin qe’eefi qabeenya isaanii irraa buqqa’an hanga ammaatti furmaata homaatuu akka hin argatin jiraattonni ni himu.

Akka OMN maddeen naannichaa irraa odeefatetti aanaa Gurra Dhaamolee gandoota Hokkoltuu fi Habroonaa jedhaman keessa ummanni buqqa’ee gara Dalloo Mannaa fi Daawweetti baqate hamma yoonaatti gara qe’ee isaatti hin deebine.

Godina Baalee fi Baalee Bahaatti aanaaleen balaa hoongeetiin miidhaman keessa Gurra Dhaamole, Madda Walaabuu, Raayituu, Daawwee Sarar, Daawwee Qaachan, Sawweena fi kanneen biroo yoo ta’an, lubbuun beeyladootaa fi namaa danuun gaaga’amtee jirti jedhu jiraattonni.

Godina Baaleetti kan argamtu aanaan Gurra Dhaamolee aanota yeroo ammaa beelaa fi rakkoo nageenyaa keessummeessaa jiran keessa tan duraati.

Ummanni aanicha hedduun balaa beelaaf saaxilamee gargaarsa atattamaa barbaadaa kan jiru yoo ta’u, gandoota aanichaa kanneen akka Hokkoltuu fi Habroonaa jedhaman keessatti weerara hidhattoonni naannoo Somaalee daangaa ce’anii dhufan irratti raawwataniin uummanni qe’eesaarraa buqqa’e gaaga’ama hamaa keessa jiraachuu odeeffanne.

Rakkoo nageenyaa fi beelaa gandoota kanneen keessatti mudateen lubbuun namootaa ji’oota afran darbanii as akka darbe kan himan jiraattonni naannichaa, kun kanaan osoo jiruu hawaasa beelan miidhame kanaaf deeggarsi taasifame hin jiru jechuun jiraattonni waytii garaagaraatti komii dhiheeffataa jiru.

Dhimma kana irratti bulchaa aanaa Gurra Dhaamolee dubbisuuf yaaliin goone ammaaf hin milkoofne.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

EU To Continue Supporting Peace Agreement –

News: Council of Ministers approve draft establishing Commission tasked to oversee peaceful disarmament, reintegration into society of armed groups