[ad_1]
Bulchiinsi magaalaa Sulultaa weerara lafaa Finxaaleyyiin Amaaraa amantaa dawoo godhachuun magaalichatti raawwatan irratti tarkaanfii fudhachuuf waadaa galee turus, hanga yoonaa tarkaanfiin fudhatame kan hin jirre ta’uu jiraattonni himan.
Ijaarsi seeraan alaa tarkaanfiin irratti fudhatame hin jiru, Weerarri lafaas ta’e Qubiinsi seeraan alaa qabiyyee lafa magaalichaa irratti raawwatamu itti fufeera kan jedhan jiraattonni magaalichaa, Bulchiinsi Magaalaa Sulultaa gochicha dhaabsisuuf fedhiin irraa hin mul’atu jedhu.
“Torban tokko keessatti ijaarsota raawwataman ni diigna, weerartoota irrattis tarkaanfii seeraa fudhanna” jechuun Ummataaf waadaa galanii kan turan Itti Gaafatamaan Waajjira Lafaa Magaalaa Sulultaa Obbo Xilaahun Guutaa, torban sadiin booda irra deddeebiin bilbillaafiin bilbila kaasuuf hayyamamoo hin taane.
Finxaaleyyiin Amaaraa magaalaa Sulultaatti maqaa Bataskaana ijaaruu jedhuun iddoo garaagaraatti weerara lafaa raawwatanii, Qubiinsa seeraan alaa geggeessaa jiraachuu eeruu hawaasa irraa arganne bu’uura godhachuun torban sadii dura gabaasuun keenya ni yaadatama.
Bulchiinsi magaalaa Sulultaas amantaa dawoo godhachuun magaalichatti weerarri lafaa raawwatamaa jiraachuu fi Qubiinsi seeraan alaa geggeeffamaa jiraachuu mirkaneessee ture.
Itti Gaafatamaa Waajjira Lafaa Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa kan ta’an Obbo Xilaahun Guutaa magaalichatti yoo xiqqaate bakka sadiitti lafti Hektaara sadii tahu bifa kanaan weeraramee jiraachuu mirkaneeffachuu isaanii OMN’f ibsuun, weerara lafaa fi Qubiinsa seeraan alaa raawwatamaa jiru kana irratti tarkaanfii fudhachuuf qophoofneerra, yeroo torban tokko hin caalle keessatti ijaarsota kana diiguun isaan gochicha irratti bobba’anis seeratti dhiheessina jechuun ummataaf Waadaa galanii turan. Koreen bulchiinsi magaalichaa dhimma kana raawwachiisuuf hundeesse yerosuu hojiitti galee jiraachuus ibsanii turan.
Torban sadiin booda Waadaa seename kana maalirraan geessan jennee deebii isaanii dhagahuuf Obbo Xilaahun Guutaatti tibbana irra deddeebiin bilbilaa turrus bilbila nu jalaa kaasuuf hayyamamoo hin taane.
Odeeffannoo hawaasarraa arganneen ijaarsi seeraan alaa kunis hin diigamne. Weerarri lafaas ta’e Qubiinsi seeraan alaa Finxaaleyyiin Amaaraa amantaa dawoo godhachuun raawwatanis hin dhaabbanne. Bulchiinsi magaalaa Sulultaa weerara bifa kanaan qabiyyee Ummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru kana dhaabsisuufuu fedhii waan qabu hin fakkaatu jedhu maddeen odeeffannoo OMN.
Jalqabumaa weerarri lafaa fi Qubiinsi seeraan alaa Finxaaleyyiin Amaaraa naannichatti raawwatan kun beekamtii isaaniin ala kan raawwatame miti jedhu maddeen odeeffannoo keenyaa. Bulchiinsi lafaas ta’e Bulchiinsonni Gandaa, akkasumas caasaan nageenya magaalichaa Saamicha lafa Ummataa irratti raawwatamu kana keessaa harka qabaachuu ibsuun, Yeroo lafti weeraramus ta’e qubiinsi seeraan alaa amantaa dawoo godhachuun rawwatamutti, Faayidaa dhuunfaa weerartoota kanarraa argataniif jecha callisaan ilaalaa turani jedhu.
Ammas taanaan tarkaanfii fudhachuurraa kan isaan daangessee jiru faayidaa dhuunfaa jara kanarraa argatan ta’uu himu.
Komii isaan irratti dhihaatu kana irratti deebii Obbo Xilaahun Guutaas ta’e Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa dhagahuuf hin dandeenye.
Bulchiinsi Magaalaa Sulultaa waggoota lamaan dura, yeroo Aadde Roozaa Umar fayiin hogganamuttis Ijaarsa Seeraan alaa bifa weerara lafaatiin magaalichatti raawwatamu irratti tarkaanfii seeraa fudhachuuf waadaa galee osoo hin raawwatin hafuun ni yaadatama. Yerosis ijaarsota seeraan alaa kuma kurnootaan qabiyyee lafa magaalichaa irratti raawwataman guyyoota muraasa keessatti diiguuf waadaa galee, guyyaa beellammatee, miidiyaa beeksisee turus, sababa ifa hin taaneen tarkaanfii tokkollee osoo hin fudhatin hafeera.
Yeroo sanatti Finxaaleyyiin Amaaraa tarkaanfii ijaarsa seeraan alaa irratti magaalota akka Laga Xaafootti fudhataman cimsanii mormaa turuun ni yaadama.
Weerarri lafaa fi Qubiinsi seeraan alaa irra jireessaan amantaa dawoo godhachuun raawwatamu kun Finfinnee fi magaalota naannoo Finfinnee jiranitti bifa qindaa’een raawwatamuun kan itti fufe wayita ta’u, Gochicha duuba harki Abbootii qabeenyaa fi Dhaabolee siyaasaa sochii finxaaleyyii Amaaraa deeggaranii jiraachuun ifatti mul’ataa tureera.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings