in

Bulchiinsi magaalaa Sulultaa torban tokko keessatti ijaarsa seeraan alaa amantaa ortodoksii dahoo godhachuun magaalichatti raawwatame irratti tarkaanfii akka fudhatu beeksise.

[ad_1]

Bulchiinsi magaalaa Sulultaa torban tokko keessatti ijaarsa seeraan alaa amantaa ortodoksii dahoo godhachuun magaalichatti raawwatame irratti tarkaanfii akka fudhatu beeksise.

 

Ganda Qaasoo Wasarbiitti hayyama qaama dhimmi ilaaluu fi ragaa seera qabeessummaan ala amantaa dahoo godhachuun sababa ijaarsa bataskaanaan saamicha lafaa raawwatameen walqabatee namootni sagal to’annoo jala oolfamuu bulchiinsi magaalichaa beeksiseera. 

Itti gaafatamaan waajjira lafaa bulchiinsa magaalaa Sulultaa obbo Xilaahuun Guutaa yaada kennaniin rakkinicha waliin walqabatee tarkaanfiin fudhatamuu eegaleera jedhan.

Dhimmi weerara lafaa maqaa amantaatiin, keessattuu amantaa ortodoksii dahoo godhachuun raawwatamu bifa qabannaa fi qubannaa seeraan alaatin ilaalama kan jedhan hooggantichi, ijaarsi isaas halkan halkan gaggeeffamee ganama gaafa ilaalamu alaabaa seeraan ala dibamee argama jedhan. 

Lafti hektaara lama hanga sadii ta’uu bifa weeraraan qabamee akka jiru dubbataniiru.

Hanga ammaatti iddoon seeraan ala weerarame sadii akka adda baafamee fi bulchiinsi magaalichaa seera kabachiisuuf hojii eegaluu obbo Xilaahuun ibsaniiru.

Torban tokko keessatti ijaarsi irratti hojjatame diigamee laftichi gara baankii lafaatti akka deebi’u kallattiin kaa’ameera jedhan.

Kana malees kanneen haala kana keessatti akka koree ta’anii hojjatan namoonni sagal to’annoo jala oolfamuu, qoratamaa akka jiranii fi himatni akka irratti banamuuf jedhus hoiggantichi beeksisaniiru.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Hawaasni Oromoo Biyya Saa’ud Arabiyaa magaalaa Jiddaa fi naannawa ishii jiraatu sagantaa yaadannoo waggaa 2ffaa artist Haacaaluu Hundeessaa gaggeessan.

Nation Secures Over 4 Billion USD from Export Over Concluded EFY | Satenaw: Ethiopian News