in

Bulchiinsi Abiy Ahimad humna qilleensaa fayyadamuun yakka duguuggaa sanyii Ummata Oromoo irratti raawwatu itti fufeera jedhe Waraanni Bilisummaa Oromoo.


Bulchiinsi Abiy Ahimad humna qilleensaa fayyadamuun yakka duguuggaa sanyii Ummata Oromoo irratti raawwatu itti fufeera jedhe Waraanni Bilisummaa Oromoo.

 

ABO WBOn ibsa baaseen guyyoota muraasa darban qofa ajjeechaan Jumlaa Diroonii fi Xiyyaarota waraanaa fayyadamuun Lixaa fi Giddugala Oromiyaatti raawwatamu akkaan hammaatee jiraachuu himeeti jira. 

Aanaalee Nuunnuu Qumbaa, Waamaa Hagaloo, Meettaa Walqixxee, Cobii fi naannoo isheetti haleellaan ummata nagaa irratti xiyyeeffate raawwatamuu ibseeti jira.

Haleellawwan raawwataman kunniin manneen barnootaa fi iddoo hawaasni itti walitti qabamu irratti kan fuulleffatan tahuu eeruun, sababuma kanaan lubbuun lammiilee nagaa dhibbootaan lakkaa’amanii darbeera jedhe.

Hawaasni addunyaa lammiilee nagaa tiksuu fi humnoota yakka waraanaafi namoomaa raawwatan seeratti dhiheessuuf itti gaafatama  itti kenname akka hin daganne dhaammanna jedhe ABO-WBOn ibsa haleellawwan qilleensaa Oromiyaa keessatti raawwataman ilaalchisuun baaseen. 



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: UN Human Rights Experts on Ethiopia brief UNSC A3 group on “alarming abuses against civilians”

Council of Ministers Approves Draft Regulations – Satenaw: Ethiopian News