in

Boosat magaalaa Booleetti waraanni mootummaa namoota nagaa fixe jedhame. – OMN


Boosat magaalaa Booleetti waraanni mootummaa namoota nagaa fixe jedhame.

Haleellaa Roobii  dhengaddaa godina Shawa Bahaa aanaa Boosat Magaalaa Boolee keessatti humnoonni mootummaa raawwataniin lubbuun namoota 12 darbeera jedhame.

Haleellaan kun gaafa kibxataa eegale jedhu jiraattoti.

Kibxata lolli humnoota mootummaa fi WBO jidduu akka ture jiraattonni OMN’tti himanii jiru. 

Gaaf kana waraanni mootummaa magaalaa gadhiisuun magaalaan harka WBO’tti kufte.

Roobii ganama   immoo magaalaan dhukaasi kan biraa humnoota lamaan gidduutti baname.  

Kana hordofee Waraanni Biliisummaa Oromoo lola banameen lammiileen nagaa akka hin miidhamneef ergama isaa xumure waan ta’eef ganamaan magaalaa gad dhiisee akka ba’es jiraattonni garasirraa dubbisne himaniiru.

Haa ta’uu malee erga haalli tasgabbaa’ee sochiin magaalichaa bakkatti deebi’ee, namni gara hojii hojiisaatti deebi’us Roobii waaree booda humnoonni mootummaa  haleellaa uummata nagaa iratti banan.

Poolisiin humna addaa Oromiyaa lammiilee nagaa daandiirra deemanii fi jiraattota magaalattiirratti dhukaasa baneen lubbuun nama kudha lamaa darbuu fi namoonni nagaa hedduun akka madaa’an OMN-tti himan.

Namoota qalbiin hir’uu magaalaa keessatti beekaman  sadii dabalatee maanguddoota, dargaggootaa fi hawaasa nagaa walumatti kudha lama rasaasa poolisii humna addaa Oromiyaarraa dhukaafameen lubbuun isaanii darbeera jedhan jiraattonni.

Yeroo ammaa kanallee magaalaan Boolee hin tasgabbaa’in jiraachuu kan himan jiraattonni, hidhaa, reebichaa fi saamicha dabalatee gudeeddiin dubartootaallee dhaga’amaa akka jiru mirkaneessan.

Oromiyaa kutaa hedduutti waraanumaa fi  ajjeechaa, saamichaa fi yakkoota waraanaa hamaatu dhagahama jedhan jiraattonni.

Haalli  itti deemaa jirru  akkaan yaaddessaa dha kan jedhan jiraattoonni falli tokkichi gamtaan dhaabbachuu dha jedhu.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published.

GIPHY App Key not set. Please check settings

Shawaa Lixaa Aanaa Abunaa Gindabarat, Ganda Doggomaa Kibbiitti haleellaan qilleensarraa uummata nagaa irratti xiyyeeffate raawwatamuu jiraattonni himan.

Tigray’s main hospital exhausts food – Ethio Observer