in

Boosat fi Fantaalleetti weerarri humnoota Amaaraa itti fufe jedhame. – OMN


Boosat fi Fantaalleetti weerarri humnoota Amaaraa itti fufe jedhame.

Mootummaan Naannoo Amaaraa lafa aanaa Fantaallee fi Boosat weeraruu cimsee itti fufeera jedhu jiraattonni.

Gama aanaa Fantaalleetiin humnoonni addaa Amaaraa, faannoo fi milishaan Amaaraa daangaa ce’anii dhufuun horsiisee bultoota irratti tibba kanas haleellaa raawwataa jiraachuu Odeeffanne.

Faannoo fi humnoonni addaa mootummaa naannoo Amaaraan bobbaafaman aanaa Fantaallee lafa Haroo Huubaa jedhamtu dhufuun qe’etti nu waraanaa jiru jedhu jiraattonni. 

Lafa Arroollee bal’aa guutummaatti erga dhuunfatanii booda Haroo Huubaa dhaqqaban kan jedhan jiraattonni OMN dubbise, saffisni humnoonni kunneen ittiin deemaa jiran yaaddessaa ta’uu himu.

Sababa bonaatiin aanaa Fantaalleetti hoongee hamaan dhalateera kan jedhan jiraattonni hawaasni weerara faannoo fi hoongeetiin akkaaf gara dhabaa jiraachuu dubbatu.

Haaluma walfakkaatuun humnoonni kunneen aanaa Boosat ganda Borcataa too’ataa jiraachuu jiraattonni ibsaniiru.

Hidhattoonni garee shororkeessaa faannoo fi humni addaa Amaaraa aanaa Boosat ganda Borcataa keessa qubsiifamaa waan jiraniif jiraattonni weerara humnoota kanneenitiin ganda Borcataa keessaa buqqa’aa jiraachuutu himame.

Gandi Hulluuqqoo fi Borcataa gandeen aanaa Boosat kan weerara garee shorokeessaa faannoo fi humna addaa mootummaa Amaaraan rukutamaa jiran tahuu jiraattonni himaniiru.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published.

GIPHY App Key not set. Please check settings

Meta Abo staff still in the dark

Dashen Auction not so Different