Boordiin OMN gaazexeessaa Dajanee Guutamaa daayireektara olaanaa dhaabbatichaa gochuun muude.
Daayireektarri olaanaan OMN haaraa muudame Dajanee Guutamaa uwwisaa fi qabiyyee OMN daran cimsuuf karoorfamuu himeeti jira.
Daayireektarri olaanaan duraanii obbo Mohaammad Abdoosh gama isaaniitiin OMN naamusa ogummaa olaanaan uummata tajaajiluu itti fufuu qabaa jedhan.
Ajjeefamuu artist Hacaaluu Hundeessaa hordofee mootummaan duraanuu xiyyeeffannaa olaanaan ilaalaa kan ture OMN biyya keessaa cufuuf yeroo dheeraa itti hin fudhanne.
Artist Hacaaluun ajjeefamee guyyaa lama booddee humnoonni tikaa mootummaan bobbaase waajjira OMN Finfinnee jiru humnaan seenuun, meeshaalee OMN garii guurratan.
Gaazexeessitoota OMN gariin hidhuun, gariin immoo adamsuun, waajjira muummee OMN magaalaa Finfinnee ture cufe mootummaan.
OMN jijjiirama qabsoo uummataan dhufee ture waliin gara biyyaa gales gara alaatti deebi’uuf dirqame.
Haala rakkisaa kana keessatti obbo Mohaammad Abdoosh daayireektara olaanaa ta’anii gara hooggansaatti kan dhufan.
Obbo Mohaammad Abdoosh haala rakkisaa sana keesatti gara hooggansaatti dhufan amma dhimma dhuunfaatiin walqabatee aangoo gadhiisuuf boordiitti iyyachuu hordofeeti boordiin murtii kan kenne.
Boordichi ibsa kaleessa baaseen walgahii hatattamaa tibba kana taa’een, gaaffii dhimma dhuunfaatiin aangoo gadhiisuu daayireektara olaanaa kan turan obbo Mohaammad Abdoosh fudhachuun bakka isaaniitti gaazexeessaa Dajanee Guutamaa muuduu beeksiseeti jira.
Boordichi akka jedhetti, gaaffii aangoo gadhiisuu obbo Mohaammad dhiheeffatan kabajaan fudhachuun gulaalaa muummee dhaabbatichaa, OMN kutannoo fi gahumsa cimaan tajaajilaa ture Dajanee Guutamaa daayireektara olaanaa taasisuun muudeen jira jedhe.
OMN caalatti ni cimsa jedhamuun akka abdatames boordichi ibsa isaatiin beeksiseeti jira.
Daayireektarri olaanaan duraanii OMN obbo Mohaammad Abdoosh gama isaaniitiin, OMN qormaataawwan jajjaboo keessa darbee ciminaan asgahuu himaniiti jiru.
Yeroo mootummaan istuudiyoo Finfinnee cufee OMN rakkoo jabduu keessa turetti OMN gargaaruuf gara hooggansaatti akka dhufan yaadachiisanii, amma OMN haala tasgabbaa’aa irra akka jiru dubbataniiru.
Amma hooggansa dhaabbataa OMN gara sadarkaa olaanaatti ceesisu barbaachisa kan jedhan obbo Mohaammad, OMN naamusa ogummaatiin aantummaa isaa akkuma kana duraa uummataaf taasisee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.
Daayireektarri olaanaan OMN haaraa muudame Dajanee Guutamaa gama isaatiin, OMN miidiyaa dambalii siyaasaa biyyattii asii fi achi raafamaa jiru waliin otoo hin raafamne naamusa ogummaa fi aantummaa uummataan hojii fakkeenyummaa qabu hojjataa jiru akka ta’e ibseeti jira.
OMN akkuma kaleessaa duudhaalee isaa jajjaboo kan ta’an naamusa ogummaa fi aantummaa uummataa cimsee sagalee uummataa ta’ee akka itti fufu daayireektarri olaanaan haaraan OMN Dajanee Guutamaa himeeti jira.
Miidiyaa uummataa kan ta’e OMN gama maraan cimsuufis karoorri bal’aan qabamuu ibseeti jira.
Gama uwwisa tamsaasaa fi qabiyyee OMN daran cimsuutiin hojii guddaan akka hojjatamuuf jedhu ibseeti jira.
Uummanni Oromoo biyya keessaa fi alaas hojii OMN hojjatu milkeessuuf tumsa gama maraan jiru jabeessee akka itti fufu daayireektarri olaanaan OMN Dajanee Guutamaa yaamicha dhiheessee jira.
GIPHY App Key not set. Please check settings