[ad_1]
Biyya Kanaadaa Magaalota Winnipeg fi Vaankuuvaritti hiriirri mormii gaggeeffame.
Yakkoota mootummaan Biltsiginnaa ummata Oromoo irratti itti fufiinsaan raawwataa jiru balaaleffachuuf Hiriirri Mormii magaalota addunyaa garaagaraatti geggeeffamu itti fufeera.
Biyya Kanaadaa Magaalota Winnipeg fi Vaankuuvaritti Sanbata darbe hiriirri mormii gaggeeffameeti jira.
Dhalattoonni Oromoo garas jiraatan irratti argamuun ummata isaanii biyya keessatti yakka mootummaan Itoophiyaa raawwatuun miidhamaa jiruuf sagalee ta’aniiru.
Ajjeechaan waraanni mootummaa guyyaa guyyaan ilmaan Oromoo irratti raawwatu akka dhaabbatu, gochoonni egeree hawaasichaa balleessuuf raawwatamaa jiran akka dhaabbatan, Waraanni Oromiyaa keessa bobbaafamee ummata dararu akka bahu, hidhaa fi dararaan ilmaan Oromoo irratti raawwatamu xumura akka argatuuf gaafataniiru hirmaattonni hiriira kanaa.
Hawaasni addunyaa yakkoota Oromiyaa keessatti itti fufiinsaan raawwatamaa jiran kanneen callisaan ilaaluun hafee, mootummaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa barbaachisu akka godhaniifis gaafataniiru.
Hiriirri wal fakkaatu Magaalota Ameerikaa, Awuroppaa fi Awustraaliyaa dabalatee iddoowwan garaagaraatti geggeeffamaa turuunis waan yaadatamu.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings