in

Biyya Ameerikaatti Yuunivarsiitiin Istaanfoord Afaan Oromoo barsiisuu eegaluu ibse. – OMN


Biyya Ameerikaatti Yuunivarsiitiin Istaanfoord Afaan Oromoo barsiisuu eegaluu ibse.

 

Afaan Oromoo afaanota Afrikaa fi biyyoota giiddugala bahaa yuunivarsitichatti kennaman keessaa akka afaan tokkootti barsiifama jedha gabaasni yunivarsiitichi baase.

Afaan Oromoo afaanota Afrikaa baay’ina namoota dubbataniitiin adda duree ta’an 4 keessaa tokko.

Afaan Oromoo Itoophiyaa keessatti immoo baay’ina namoota afaanicha dubbataniitiin sadarkaa 1ffaa irratti kan argamu yammuu ta’u, biyyoota ollaa keessattis afaan bal’inaan dubbatamu.

Haata’u malee jarraa tokkoo oliif cunqursaa jabaatu Itoophiyaa keesaatti irratti taasifamaa ture.

Afaan cunqursaa guddaa dandamatee ture kana cunqursaa jalaa baasuuf qabsoo jabaa baroottaniif godhameen naannawaa waggoota 30 darbaniif afaan hojii naannoo Oromiyaa ta’ee akka tajaajilu ta’eeti jira.

Garuu afaan kun ammas Itoophiyaa keessatti bakka isaaf malu hin arganne jedhamuun qabsoon itti fufee jira.

Gaaffii baroota hedduu kan ture hanga har’aa Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa hin ta’in jira.

Magaalaa handhuura Oromiyaa fi teessoo mootummaa naannoo Oromiyaa taate Finfinneettis afaan hojii ta’uu irraa akkuma moggaatti dhiibametti jira.

Kana qofa miti. Afaan Oromoo manneen barnootaa magaalaa Finfinneetti akka hin baratamne, manneen barnootaa magaalattii Afaan Oromootiin akka hin barsiifne Finxaaleyyiin Amaaraa guyyaa guyyaan manneen barnootaa magaalattiitti hookkara kaasu.

Kun otoo kanaan jiruu biyya Ameerikaatti Yuunivarsiitiin addunyaa irratti beekamaan Istaanfoord jedhamu Afaan Oromoo barsiisuu jalqabeen jiraa jedhe.

Yuunivarsiitichi birraa 2022 irraa eegalee akka gosa barnoota tokkootti kennaa jiraachuu beeksiseera.

Afaan Oromoo afaanota Afrikaa fi biyyoota giiddugala bahaa yuunivarsitichatti kennaman keessaa akka afaan tokkootti barsiifama jedha gabaasni yunivarsiitichi baase.

Afaan Oromoo kan eegalamuu danda’e sababii barattoonni Saaroon Saamu’eelii fi Eebban Ibsaa jedhaman “akkaataa seerri yuunivarsiitichaa afaanota iddoo baay’eetti hin barsiifamne dabaluu” eeyyamuun yuunivarsiitichaaf gaaffi dhiyeessaniin ture.

Yuunivarsitichis yeroo jalqabarratti gaaffii barattoota lamaanii kuffisuu barbaadus boodarra garuu battaluma barattoota Afaanicha barachuuf kutannoo mul’isan dabalataa argateen bajata ramaduun barsiisaa Afaan Oromoo Balaay Birraatuu jedhamu qacaruun Afaan Oromoo barsiisuu eegaluu addeesseera.

Barattoonni yuunivarsitichaa biraas kanaan duraa yaalii wal fakkaataa gochaa turuusaanii ibsuun, amma garuu Afaan Oromoo barachuu eegaluusaanitti daran kan gammadan ta’uu ibsaniiru.

Afaan Oromoo barachuu fi dubbachuun aadaa fi seenaa abbootii isaanii akka hin banne gochuuf faayidaa guddaa kan qabu ta’uu barattoonni eeraniiru.

Afaan Oromoo sadarkaa Afrikaatti dubbatamuun sadarkaa 3ffaarra jiraachuu qorannoon baay’een osoo mirkaneessuu Itoophiyaa keessatti sirnoota dhufoo darboon cunqurfamaa jira kan jedhan hayyoonni afaanii sadarkaa yuunivarsiitii addunyaatti barsiifamuu jalqabuun ammoo saba Oromoof fayidaa guddaa qabaachuu himu.

Itoophiyaatti Afaan Oromoo afaan Federaalaa akka ta’uuf gaaffin addaan hin cinne barootaaf gaafatamaa turus sirna wayyaanees ta’ee sirni bilxiginnaa warraaqsa qeerroo Oromootiin dhufes gaaffii kana deebisuu hin dandeenye.

Yeroo ammaattis mootummaan Bilxiginnaa nannoo Oromiyaatti sadarkaa barnoota gadaanarraa jalqabuun Afaan amaaraa akka baratamuuf imaammata diriirsuun afaan Oromoo irratti kallattiii garagaraatiin dhiibbaa uumaa jira.

Biyya keessatti sirnoota dhufaa darbaan dhiibbaa jala kan jiruu fi dhiibbaa jabaa dandamatee dagaagaa kan jiru Afaan Oromoo garuu dhiheenyuma kana afaan hojii dhaabbata guddicha Google tahuutti dabaluun waytii ammaa yuunivarsiitii guddicha Addunyaa Istaanfoord keessatti barsiifamuu eegaleera.

Dhiibbaa Itoophiyaa keessatti irratti taasifamuun Afaan Oromoo guddachuu hin dhaabne kan jedhan hayyoonni afaanii, yeroo ammaatti Afaan Oromoo Siwaahilii fi Yoorubaatti aanuun afaanota ardii Afrikaa keessaa baay’ina dubbataa qabaachuun Afaan sadaffaadha.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Yunaayitid Arab Emireetis magaalaa Dubaayitti ayyaanni Irreechaa kabajame. – OMN

Residents of Amhara Region Condemn Foreign Interference –