in

Beelli biyyoota gaanfa Afriikaa mudate birmannaa hatattamaa argachuudhaa baannaan hubaatii kan ammaa caalaa geessisuu danda’a jedhe Dhaabbanni Concern Worldwide.


Beelli biyyoota gaanfa Afriikaa mudate birmannaa hatattamaa argachuudhaa baannaan hubaatii kan ammaa caalaa geessisuu danda’a jedhe  Dhaabbanni Concern Worldwide.

 

Beelli biyyoota gaanfa Afriikaa sadii Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Keeniyaatti mudataa jiru birmannaa hatattamaa argachuudhaa baannaan daa’imman sababa hanqina nyaataan qarqara du’aatti argaman kuma 300 dhabuu dandeenya jedhe Dhaabbanni Concern Worldwide.

Itoophiyaatti ummanni miiliyoona 7 fi Kuma 200, Somaaliyaatti ammoo ummanni miiliyoona 7 fi kuma 700 ta’an gargaarsa namoomaa barbaadu kan jedhe dhaabbatichi, Keeniyaattis lakkoofsi namoota gargaarsa namoomaa barbaadanii dabalaa jiraachuu beeksiseera.

Hongee bara 2011 gaanfa Afriikaatti mudateen lubbuun namoota kuma 200 fi kuma 60 ta’anii darbuu yaadachiisuun, haalli amma biyyoota sadeen keessatti mudatee jiru kan yeroosiirra akkaan hammaataa ta’uu fi lammiilee dachaan gaaga’uu akka malu akeekkachiiseera.

Beelli biyyoota gaanfa Afriikaa Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Keeniyaatti mudate dhimma yaaddessaa gaaga’ama hamaa hordofsiisuuf danda’u ta’uu Dhaabbanni Gargaarsa Namoomaa Biyya Ayerlaand Concern Worldwide jedhamu ibseeti jira. 

Gaaga’ama namoomaa naannichatti yeroo garaa garaatti mudatu hir’isuuf hojjetaa kan ture dhaabbanni kun beelli yeroo ammaa biyyoota gaanfa Afriikaa mudataa jiru kun kanaan duraarra akkaan hammaataa ta’uu fi birmannaa hatattamaa argachuudhaa baannaan gaaga’ama dachaa kan hordofsiisu ta’uu akeekkachiiseera.

Beela Bara 2011 naannichatti mudateen lubbuu lammiilee kuma 200 fi kuma 60 dhabneerra kan jedhu dhaabbatichi, rakkoon amma naannichatti mudatee jiru kan yerosii waliin yoo madaalamu akkaan hammaataa ta’uu fi gaaga’amni mudatus dachaan dabaluu akka danda’u tilmaameera. 

Bara 2011 Keeniyaan ture kan jedhan Dhaabbata Concern Worldwide’tti Daayirektarri gaanfa Afriikaa Amiinaa Abdullaa, hongee yeros mudateen Gaanfa Afriikaatti namoonni kuma 200 fi kuma 60 ta’an dhumaniiru, haalli amma argaa jirru ammoo akkaan hammaataadha;  Rakkoon yeros numudate dachaan hammaatee nutti dhufeera jedhan. 

Kumaatamni nyaata, bishaanii fi wal’aansa fayyaa barbaacha guyyaa guyyaan qe’eerraa godaanaa jiraachuus ibsan.  

Somaaliyaatti ummanni Miiliyoona 7 fi Kuma 700 ta’u gargaarsa namoomaaf harka namaa eeggataa jira. Namoonni kuma 800 ta’an sababuma kanaan qe’ee ofii gatanii godaananiiru. Namoonni kuma 200 fi kuma 13 haala beela fakkatu keessatti kufaniiru. Daa’imman hanqina nyaataan du’aa jiru. Haalli kun guyyaadhaa gara guyyaatti hammaataa dhufeera jedhe Concern Worldwide. 

Daa’imman Yeroo ammaa Somaaliyaan qabdu keessaa walakkaa kan ta’an, jechuunis daa’imman Miiliyoona 3 fi Kuma 600 ta’an hanqina nyaata madaalawaaf saaxilamoodha, dhiyeessiin nyaataa xiqqaachuu fi qaala’iinsi gatii nyaataa rakkoo mudate hammeesseera jedhe.

Biyyi balaan kun itti dhufe kan biraan Itoophiyaadha. Itoophiyaatti hongee gara beelaatti, beela gara xanneetti cehuun lubbuu namaa gaaga’aa jiruun walqabatee namoonni miiliyoona 7 fi kuma 200 ta’an gargaarsa namoomaa hatattamaa kan barbaadan ta’uu mul’isa ibsi dhaabbatichaa. 

Itoophiyaatti iddoowwan rakkoon kun mudatetti midhaan nyaataan cinatti bishaan argachuun rakkoo jabaa ta’eera. Biyyattiitti horiin Miiliyoona 2 fi Kuma 100 ta’an dhumuu kan eeru gabaasni Concern Worlwide, horiin miiliyoona 22 ta’an ammoo balaarra bu’anii qarqara dhumaatiirra jiraachuu ibse.

Dhumaatiin horii daa’imman nyaatan hanqisuun gaaga’ama dhala namaa hordofsiisaa jiraachuus ibse.

Rakkoon kun keessumaa Kibbaa fi Kibba Baha Oromiyaatti akkaan hammaataa jira. Naannoon Somaalee fi Naannoon Ummattoota Kibbaas isaan rakkoo kanaan hubamaa jiranidha. 

Hammam naannolee birootti rakkoon kun ba’ee mul’atee gargaarsi namoomaa akka dhaqqabuuf tattaaffiin taasifamu fooyya’aa ta’us, warri Oromiyaa bulchan rakkoo mudate ukkaamsuu fi gaaga’ama mudate dhoksuun badhaadhina hin jirre leellisuu irratti xiyyeeffataniiru. Kun ammoo rakkoon kun sadarkaa mudatetti bahee akka hin mul’anne, birmannaa hawaasa biyya keessaa fi hawaasa idil-addunyaallee akka hin arganneef taasisuun guyyaa guyyaan lubbuu lammiilee gaaga’aa jira jedhame.

Keeniyaatti iddoowwan hongeen hubamanitti bishaan hawaasni itti dhimma bahaa ture keessaa harki 90ni gogeera kan jedhu Concern Worldwide, horiin miiliyoona 1 fi kuma 500 dhumuu ibse. Hanqinni nyaataas dabalaa jiraachuu eeruun, keessumaa daa’immaan hubaatii jabaaf saaxilamaa jiraachuu ibse. 

“Haala Naannichatti mudate irra aanuuf tumsa taasifamu jabeessuudhaa baannaan, daa’immaan hanqina nyaataa hamaaf saaxilamanii qarqara du’aatti argaman kuma 300 dhabuuf dandeenya” jedhu Dhaabbata Concern Worldwide’tti Daayirektarri Gaanfa Afriikaa Aadde Amiinaan.

Hojiin dursa argachuu malu lammiilee beelarra bu’an lubbuu baraaruudha, Isaan hubaatiif saaxilamanii balaa hammaataarra bu’an qaqqabuuf tumsa barbaanna, gargaarsa maallaqaa guddaatu nubarbaachisa jedhan. 

Isaan balaa jala jiran baraaruun hojii dhaabbileen gargaarsa namoomaa hojjetan qofaan kan hin milkoofne ta’uu hubachiisaniiru.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published.

GIPHY App Key not set. Please check settings

Ethiopia’s Chief of Staff Extends Congratulatory Message to 95th Anniversary of Chinese PLA | Satenaw: Ethiopian News

Ethiopian Institute of Public Health, Chinese CDC Ink MoU –