in

Beela kutaalee Oromiyaa garaagaraatti mudateef mootummaan gargaarsaan dhaqqabsiisuu dhabuu qofa otoo hin taane odeeffannoo dhoksuun lubbuu namaa gaaga’aa jiraa jedhamuun komatama.


Beela kutaalee Oromiyaa garaagaraatti mudateef mootummaan gargaarsaan dhaqqabsiisuu dhabuu qofa otoo hin taane odeeffannoo dhoksuun lubbuu namaa gaaga’aa jiraa jedhamuun komatama.  

 

Godina Gujii beelaan lubbuun nama hedduu itti darbetti mootummaan jiraattotaan maaliif odeeffannoo kennitan jechuun dorsisaa akka jiru jiraattonni himatan.

Obboo Godaanaa Jaldeessaa jiraataa godinaa Gujii aanaa Liiban ganda Laga Guulaa yommuu ta’an, Mucaan isaanii sababa beelaa lubbuun darbuu himu. 

Mootummaan namni waan beelaa dubbate diinaa jechuun nu sodaachisa jira jedhan.

Beela Oromiyaa kutalee garaagaraa keessatti uumamee namaa fi beeladoota gaaga’aa jiruuf mootummaan gargaarsaan hin dhaqqabneefiin komatama.

Kana qofaa miti. Odeeffannoon waan beelaa waliin walqabate akka hin baane caasaa qabu maratti fayyadameef dhoksuuf yaalaa jiraa jedhamuun qeeqamaa jira.

Oromiyaa gama Kibbaa godina Gujii aanaalee akka Sabbaa Boruu, Liiban fi Gumii Eldalloo faa keessatti odeeffannoo namni beelaan dhume jedhu dhoksuuf aangawoonni mootummaa waan jirtu maraa wayita haalan, jiraattonni akka waa hin dubbanne doorsifamaa jiraachuu himatu.

Obboo Godaanaa Jaldeessaa jiraataa godina Gujii aanaa Liiban ganda Laga Guulaa yommuu ta’an, Mucaan isaanii sababa beelaa lubbuun darbuu dubbatan. 

Mootummaan namni waan beelaa dubbate diinaa jechuun nu sodaachisa jira jedhan.

Ilmaan keenya beelaan du’aa, yoo waan kana dubbatan jedhamnee immoo dorsisatu qaamolee mootummaan nurratti raawwatamaa jiraa jechuun dubbatu obbo Godaanaa Jaldeessaa.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Ethiopia, South Africa Agree to Enhance Cooperation in Trade, Investment and Economic Spheres –

Gov’t Rejects Any Parallel Effort that Replaces AU in Peace Process – | Satenaw: Ethiopian News