in

Bataskaana Ortodoksii Tawaahidootti kutaan lallaba Jimmaa murtii sinoodoosiin miilana dabarse morme. – OMN


Bataskaana Ortodoksii Tawaahidootti kutaan lallaba Jimmaa murtii sinoodoosiin miilana dabarse morme.

Kutaan lallaba Jimmaa ibsa baaseen, amantoonni yaa’ii sinoodoosii tibba kanaa abdiin eegaa turan jedhe.

 

Haata’uutii garuu sinoodoosiin yaa’ii tibbana geggeessaa ture keessatti gaaffii uummataaf deebii malu deebisuu caalaa fedhii abboota muraasaatiin dantaa uummata keenyaa sharafee kan jiruu fi shira hamaa ta’e kan mul’isu ta’uusaa hubanneerra jedhe.

 

Murteen kun waliigaltee abboota keenya sadanii jechuunis Abuna Saawuroos, Abuna Zeenaa Maarqos fi Abuna Awusxaatiyoos (PhD) tiin alatti murtaa’uun isaa immoo ammas olaantummaan garee tokkoo sinoodoosiicha keessatti kan duraa caalaa akka dagaage kan ibsu waan ta’eef uummata keenya daraan kan dallansiiseedha jedhe kutaan lallabichaa.

 

Qabxilee araaraa bakka Ministirti muummee Abiy Ahimed argamanitti waliigalame keessaa keewwatoota 4 fi 6 gutummaan guututti kan diige waan ta’eef ammas mana kiristiyaanaa naannoo oromiyaa keessatti rakkoo uumuuf kan yaadame akka ta’e hubanneerra jedha ibsichi.

 

Murtichi fudhatama akka hin qabne eeree, abbaa sinoodoosiin Oromiyaa fi sabootaa ramadaniin ala akka hin fudhanne ibseeti jira.

 

Amantii daheeffachuun warreen siyaasa adeemsisan cimsee akka mormu kutaan lallaba Jimmaa himee, abboonni 26 kana dura muudaman muudamni isaanii ragga’uu akka qabu hubachiiseera.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Murteen Yaa’ii Sinodoosii Bataskaana Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaatiin darbe, waliigaltee kanaan dura gahame kan diiguu fi Gaaffii Uummataa deebisuuf kan hin dandeenye waan taheef hin simannu jedhan Kutaaleen Lallabaa garaagaraa Oromiyaa.

Madda jiruuf jireenya hawaasa baha Oromiyaa kan ta’e gabaa Jimaa ugguruun uummaticha  balaa hamaaf saaxiluu dha jedhame.  – OMN