Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Koree Ijoon Furmaata Rakkoo Bataskaanota Oromiyaa abbootiin 26 sinoodoosii sabootaa fi sablammootaan muudaman gara kutaa lallabaa itti ramadamanii deemanii hojii akka jalqaban murtaa’uu beeksise.
Kana malees hanga Sinoodoosiin Oromiyaa ifatti labsamutti bataskaanonni Oromiyaa keessa jiran itti waamamni isaanii Mana Lubummaa Biyya Lallabaa Oromiyaaf akka ta’u murtaa’uu himeeti jira.
Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Koree Ijoon Furmaata Rakkoo Bataskaanota Oromiyaa murtiin sinoodoosii miilanaa fudhatama kan hin qabne ta’uu beeksiseera.
Koreen kun ibsa baaseen namoonnni muraasni sinoodoosicha keessatti aangoo murteessaa qaban sinoodoosicha gara dabarsuun furmaanni akka hin dhufne taasisaniiru jedhe.
Muudamni ephiisqophoosotaa ni ragga’a jedhamee eegamaa ture fedhii namoota muraasa kanneeniin gufachuu eeree, ajandaaleen biroonis goolama namoonni muraasni sinoodoosicha keessatti aangoo qaban uumaniin maqfamuus himeeti jira.
Kanaanis rakkoon bataskaanattii ni furama jedhamee eeggame akkaan akka walxaxu taasisuu ibseeti jira.
GIPHY App Key not set. Please check settings