in

Barsiisonnii fi Hojjettoonni Mana Barumsaa Gaara Guurii guyyaa kudhaniin dura badii tokko malee hojii isaaniirraa qabamanii hidhaman hanga ammaattuu hidhaa jiraachuun himame.

[ad_1]

Barsiisonnii fi Hojjettoonni Mana Barumsaa Gaara Guurii guyyaa kudhaniin dura badii tokko malee hojii isaaniirraa qabamanii hidhaman hanga ammaattuu hidhaa jiraachuun himame.

 

Magaalaa Finfinneetti kan argamu Mana Barumsaa Afaan Oromoo Gaara Guuriitti, torban Jimaata darbee barsiisoti 3 fi Hojjettuu kutaa meeshaa kan ta’an Aadde Ayyaantuu namni jedhaman iddoo hojii isaaniitii humnoota tikaan butamanii turan.

Afaan Oromoo kan barsiisan Barsiisaa Magarsaa Namoomsaa, Barnoota Lammummaa fi Amala Gaarii kan barsiisan Barsiisaa Makonnin Namarraa fi Barnoota Economics kan barsiisan Barsiisaa Asseggid Fayisaa isaan humnoota mootummaan qabaman tahuus maddeen odeeffannoo OMN ibsaniiru.

Namoonni Badii tokko malee iddoo hojii isaaniitii qabaman kunniin, yeroo ammaa mana hidhaa Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee kan Piyaassaatti argamutti hidhamanii jiraachuus ibsan.

Barsiisonni mana barumsaa Gaara Guuriitii qabamanii hidhaman kunniin badiin raawwatan hin turre jedhu hawaasni mana barumsichaa.

Magaalaa Finfinneetti mormii barattoonni Oromoo ajjeechaa Uummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru balaaleffachuun dhageessisanii fi Hookkara Finxaaleyyiin Amaaraa kaasan hordofuun Barattoonnii fi Barsiisoti Oromoo hedduun hidhamuu, OMN maddeen garaagaraa irraa mirkaneeffateera.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Delegation Led by Ethio Telecom CEO Visits South Sudan –

Tigrayan Scholars, Youth Express Readiness to Discharge Responsibilities to Sustain Peace Agreement, Dev’t – Satenaw: Ethiopian News