in

Barsiisaan Saayinsii Siyaasaa Kolleejji Albiyoon doktar Milkeessaa Miidhagaa “wanti amma Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru karooraa Oromiyaa diiguu waggoota afran darbaniif Biltsiginnaan karoorsaa tureedha” jedhan.

[ad_1]

Barsiisaan Saayinsii Siyaasaa Kolleejji Albiyoon doktar Milkeessaa Miidhagaa “wanti amma Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru karooraa Oromiyaa diiguu waggoota afran darbaniif Biltsiginnaan karoorsaa tureedha” jedhan.

 

Kan Falaasama Ida’amuutiin Itoophiyaa bulchaa jiru gareen Biltsiginnaa, waggoota Afran darbaniif Itoophiyaa eenyummaa sabootaa balfitu ijaaruuf sochii bal’aa taasisaa ture.

Ilaalcha Oromummaa ummata keessaa baasanii ilaalcha ida’amuu ummata fudhachiisuuf waggoota afran yaaliin guddaan taasifamaa turee jira. 

Mootummaan Biltsiginnaa Itoophiyaa eenyummaa sabootaa keessaa hin calanqifne ijaaruuf jalqaba naannoolee Itoophiyaa keessaa guddicha kan ta’e naannoo Oromiyaa nageenya dhoowwachuun diigee, adeemsa adeemsaan federaaliziimii sabdaneessaa diiguuf karoora akka qabu keessa beektotaan ibsamaa ture.

Haleellaan tibbana milishaa Faannoo fi garee Ximmir Xoor jedhamuun ummata Oromoo irratti banamee fi yakkoonni dangaa namoomaa darban rawwatamaa jiru qaama piroojektii kanaa ta’u ibsamaa jira.

Barsiisaan Saayinsii Siyaasaa Kolleejji Albiyoon doktar Milkeessaa Miidhagaa “wanti amma Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru karooraa Oromiyaa diiguu waggoota afran darbaniif Biltsiginnaan karoorsaa tureedha” jedhan.

Gareen Faannoo kun Biltsiginnaan ijaaramuun seenaa abbootii keenyaa ni deebifna jedhanii ummata Oromoo irratti bobba’anii jiru kan jedhan doktar Milkeessaan, ammatti Oromoon hundi gareen kun diina ta’uu beekuun barbaachisaadha jedhan.

Doktar Milkeessaan Oromiyaa lixaa keessatti dargaggoonni naannoo Amaaraa leenjifamaa turu kan kaasan yoo ta’u, keessummattuu poolisoota federaalaa keessaa namni ramadamee aanaalee Giddaa Ayyaanaa, Kiraamuu fi Amuuruu keessatti dargaggoonni Amaaraa leenjifamaa turan jedhan.

Haleellaa humnoonni Faannoo ummata Oromoo irratti raawwataa jiruuf abbaan ministira mummee Itoophiyaa Abiy Ahmad kan jedhu doktar Milkeessaa Miidhagaa, mootummaan Biltsiginnaa akkuma waraana kaabaa irratti daboo waammate Oromiyattis daboo waammachuun ummata nagayaa fixaa jira jedhan.

Dhuma irratti ummanni Oromoo bakka jiru hundaa duula Oromiyaa diiguu fi Oromummaa baleessuu baname kana gamtaan dura dhaabbachuu qaba jechuun dhaman.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Nations, Nationalities Together Show Great Ethiopia – PM Abiy –

Paartiin Ezema kan ministira Barnootaa Itoophiyaa piroofeesar Birhaanuu Naggaatiin hoogganamu biyyatti keessatti nageenya fiduu fi balaa caalu irraa ummanni akka of ittisuuf mootummaan uummata hidhachiisuu qaba jedhe.