in

Barsiisaa waggoota 29f tola magaalaa Finfinneetti Afaan Oromoo barsiisaniif gargaarsatu barbaachisa jedhame. – OMN

[ad_1]

Barsiisaa waggoota 29f tola magaalaa Finfinneetti Afaan Oromoo barsiisaniif gargaarsatu barbaachisa jedhame.

 

Waggoota 29’f magaalaa Finfinnee keessatti hojii tola ooltummaatiin Afaan Oromoo barsiisaa kan turan Barsiisaa Tafarraa Ta’eeraa, yeroo ammaa kana deggarsi addaa isaan barbaachisaa jedhame.

Barsiisaa Tafarraaa Ta’eeraa Afaan Oromoo barsiisuuf aarsaa guddaa kafaluutu ibsame.

Namni kun dhiibbaa siyaasaa fi kan finxaaleyyii hunda danda’uun magaalaa Finfinnee keessatti barataa kumaan lakkaa’amu Afaan Oromoo barsiisanii eebbisiisuu isaaniitu dubbatama.

 Barsiisaa Tafarraa Ta’eeraa yeroo ammaa kana utuu isaan lubbuun jiranii boqochiifna jechuun sochiin deggarsa maallaqa walitti qabuu eegalameeti jira.

Barsiisaa Tafarraa Ta’eeraa haala jireenya isaanii yeroo ammaa fi hojii seena qabeessa hojjetan ilaalchisuun OMN-tti waan himan qabu.

Maanguddoo ganna 71 kan ta’an obbo Tafarraan, magaalaa Finfinnee keessatti tajaajila ga’essootaa afaan lammaffaa fi tokkoffaa barsiisuu jedhuun, waggaa 29’f Afaan Oromoo barsiisaa akka turan himan.

Hojii tola ooltummaa kana kaffaltii fi deggersa mootummaa malee sababni isaan hojjetaniif, kaayyoo gootota Afaan Oromoo guddisuuf lubbuu dhabanii itti fufsiisuuf ta’uu himu obbo Tafarraa Ta’eeraa.

Doorsisa, reebichaa fi hari’annaa hedduu isaan irra qaqqabaa ture dandamachuun, Afaan Oromoo sirna barreeffamaafi dandeettii dubbiitiin barsiisaa, barattoota kumaan lakka’aman akka eebbisiisan himu.

Waggoota 29’f magaalaa Finfinnee keessatti hojii tola ooltummaatiin Afaan Oromoo barsiisaa kan turan ta’anis, yeroo ammaa kana jireenyi isaanii rakkoo keessa jiraachuu isaa sababeeffatee, deggarsi addaa isaan barbaachisa jedhame.

Obbo Tafarraan turtii waggaa 29 barsiisaa Afaan Oromoo ta’anii tajaajilan keessatti, Mootummaa irraas ta’e dhaabbilee tola ooltummaa irraa kaffaltii homaatuu osoo hin argatin, jaalalaafi hawwii guddina Afaan Oromoof qabaniif umurii isaanii walakkaa Afaan Oromoo tolaan barsiisuutti dabarsan.

Maanguddoon Oromoo kun ammallee bara dulluma isaaniitti hojii kana itti fufanii jiraachuu himanii, yeroo amma kana sababa dullumaatiin jireenyi itti cimuufi wantoota bu’uraa dhala namaaf barbaachisanillee dhabanii jiraachuu dubbatu. 

Haa ta’u malee walakkaa umurii isanii guddina Afaan Oromootiif jecha tattaaffii isaan taasisan lafatti osoo hin badin, dhaloonni qubee qaqqabateera jedhu. 

Waggoota afurii as Finfinnee keessatti manneen barnootaa Afaan Oromoo barsiisan banamaa jiraachuun, abdii isaanitti horuu kan ibsan Obbo Tafarraan, dhaloonni ammaas ulee qabsoo kana akka anarraa fuudhaniifan afeera jedhu.

Guddina Afaan Oromoof sochii isaan taasisaa turan, dhaloonni akka irraa fuudhu himanii, amma gaafa ijji isaanii waa dubbisuu dadhabuutti barsiisuu akka itti fufan himu.

Barattoonniifi namoonni obbo Tafarraa Ta’eera qaaman beekan gama isaaniitiin, barsiisaa Tafarraan goota lubbuun jiru ta’uu himanii, uummatni Oromoo nama kana kabajuun, jiraatti isaan boqochiisuu akka qabu dhaaman.

Uummatni Oromoo akka isaan bira dhaabbatuuf, gargaarsi maallaqaa Gofundme maqaa isaaniitiin banamee jiru irrattis namuu dirqama isaa akka ba’atu dhaamanii, barsiisaa fakkeenya ta’an kanaaf haalli mijatee deggersi ga’aa ta’e akka taasifamuufis waamichi taasifameera.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Abiy Ahmed’s power base is more fragile than ever | Satenaw: Ethiopian News

Ethiopian Ambassador in US Confers With University Students, Tibor Nagy | Satenaw: Ethiopian News