[ad_1]
Barsiisaa Amantaa beekamaan Lubni Ballinaa Saarkaa umriisaanii waggaa 82tti Addunyaa kanarraa du’aan boqotan.
Lubni Ballinaa Saarkaa waggaa 60 oliif barnoota amantaa fi namni wallaalummaa keessaa akka ba’uuf lallabaa kan turan yoo ta’u, halkan gaafa guyyaa Muddee 6/ 2022 du’aan boqochuun isaanii dhagahame.
Luba Ballinaa Saarkaa Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Boojji Dirmajjii, Amuumaa Heennaatti bara 1934 dhalatan.
Barnoota isaanii kutaa 1ffaa hanga 7ffaatti Mana Barumsaa Boojjii Dirmajiitti baratan.
Akkuma kutaa torbaffaa xumuraniin waggaa tokkoof leenjii barsiisotaa fudhatanii Najjootti waggaa sadiif barsiisaa turan.
Barnoota isaaniin kutaa 8ffaa osoo hin baratin qormaata kutaa 8ffaa qoramuun qabxii 75 fidanii leenjii barsiisota miisiyooniitti waggoota 2f erga leenji’anii booda gara Najjootti deebi’uun barsiisota baadiyaa leenjisaa turan.
Gara Gimbiis deemanii kutaa 11ffaa barachuu eegalan. Achiis Waldaa isaaniirraa Finfinnee, Seminaariitti barumsaaf ergaman. Bara 1969 barumsa Seminaarii xumuranii Naqamtetti deebi’anii hojjechuu eegalan.
Lubi Ballinaan Waggoota 19 dura gara biyya Jarman tajaajilaaf deemanii turan.
Lubni Ballinaan kitaabni Mul’ata isaanii kan mata duree “Bara Olkaafamuu Itiyoophiyaa” jechuun bara 1998 Afaan Oromoofi Amaariffaan maxxanfamee gabaarra jira.
Bara jireenya isaaniitii si’a 14 hidhamanii kan turan barsiisaan amantaa kun bara darguu keessa du’is itti murtaa’ee akka ture seenaan isaanii ni hima.
Lubni Ballinaan Wayita lubbuun jiran Waggoota 62f barnoota amantaa barsiisaa turan. Waan saba Oromoo barnoota isaanii keessatti yoo dubbatan “Baroota kana hundumaa keessatti immoo saba Oromoo sabni biraan itti balleesse malee, Oromoo saba biraatti balleesse argee hin beeku. Nan beeka nuti arguu dhiisuu dandeenya, isin dhaloonni kun garuu saba kanaaf barri bilisummaa dhufee uffee ni jettuu hin shakkinaa, tasumas abdii hin kutinaa. Anaa fi namoota na fakkataniif garuu gara galgalaati, Duuti kana boodaa anaaf boqonnaadha, amanaa isiniif darba. Sabichaaf bara ifaatu dhufa. Rakkoon amma kana baay’atu eessatti godaanes jedhamee ni dubbatama” jedhanii turan.
Seenaa isaanii kana TV Mo’aa irraa arganne. Maatii fi firoota isaaniif jajjabina hawwina.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings