Barreessaa Olaanaa Sinodoosii fi Hangafa phaaphaasii Kutaa Lallaba Shawaa Kibba Lixaa kan ta’anii fi hundeessitoota Sinoodoosii haaraa keessaa tokko kan ta’an Abuna Saawiroos hayyuu Amantaa barnootaa fi naamusaan beekamanii fi tajaajila mana amantichaa keessatti qooda olaanaa bahaa turan ta’uu seenaan isaanii ni agarsiisa.
Abuna Saawiroos Nama jijjiirama bataskaanattii cimsu barbaadanii fi yeroo garaagaraatti waldhaansoo gochaa turani akka seenaan isaanii agarsiisutti.
Sababa jijjiiramaaf qabsaawaa turanii fi Oromummaa isaanii qofaaf maqa-balleessiin garaagaraa kennameefii qoramaa turuu agarsiisa seenaan isaanii.
Maqaan isaanii duraa Abbaa Akaalewold jedhama. Abbaa isaanii luba Mogor Lichee Gadaa fi haadha isaanii aaddee Tanaanyee Gammachuu Dabalaa irraa bara 1957 A.L.Itti Shawaa Lixaa aanaa Ada`aa Bargaa bakka Adaadii Soodabilee qulqulluu Balawold ganda jedhamtutti dhalatan.
Barsiisaa Mazgabuu Geetaneh irraa qubee hanga faarfannaa Daawitiitti akkasuma barumsa diyaaqonnumaaf gahaa taasisu, Adaadii qulqulluu Balawaldiitti baratan. Sana boodas gara kawaala seena qabeessa Dabre-Tsimmonaa jedhamuu deemuudhaan Margeeta Mangistuu jedhaman irraa barumsa diyaaqonummaaf isaan gahaa taasisu baratan. Kawaaluma kanattis barumsa yeedaloo barsiisaa Zawudee jedhamurraa baratan. Sana boodas gara Kidanemihiretii Incinnii deemuudhan barumsa yeedaloo kana barsisa Mazgabuu fi barsiisaa Haddis Betemaariyaam jedhamanirraa barataniiru. Gara Dabra-tsimmonaattis deebi`uudhan qinee barsiisaa abbaa Waldemariyaami fi barsisaa Naqaa Xibab jedhaman irraa baratan. Margeeta Haddis Beetemariyaam irraayis hiikkaa kakuu haara barataniiru. Sana boodas gara qulqulluu Mikaa`ela Kittoo deemudhaan hiikkaa kitaaba kakuu haaraa hordofanii xumuraniiru. Gama barumsa ammayyaatinis sadarkaa lammaffaa Finfinnee mana barumsa Miskayehizunaanitti xumuraniiru.
Abuna Saawiroos Barreessaa Olaanaa Sinodoosii fi Hangafa phaaphaasii Kutaa Lallaba Shawaa Kibba Lixaa Aangoo Diyaaqonummaa phaaphaasii Shawaa kan turan Abuna Gorgoriyoos irraa fudhatan.
Monoksummaa Kawaala (Gadaamii) Dabrelibaanoositti fudhatan.
Lubummaa Abuna Mikaa`el irraa fudhataniiru.
Kawaala Geetesemaanii Sabbataatti waggoota lamaa oliif tajaajilaniiru.
Abbaa-lubaa. eebbifamoo abbaa Gariima phaaphaasii Jimmaa kan turan, tahuudhaan waggaa tokkoof baatii jahaaf hojjetaniiru
Qormaata lubootaaf kenname darbuudhanis kawaala Miskyehizunaanitti tajaajila lubummaa waggoota 14’f kennanii jiru. Filannoo qomosoota Adoolessa 9 bara 1997 taasifameen phaaphaasii Nageellee Booranaa ta`anii filamaniiru.
Yeroo ammaa Abbaa Saawiroos phaaphaasii kutaa Lallaba Shawaa kibba Lixaa ta’uudhanis hojjechuu irratti argamu. Dabalataanis bara 2009 irraa eegaleeyis barreessaa olaanaa Sinodosii tahuudhan hojjechuu iratti argamu.
Abuna Saawiroos abboota tajaajila Afaan Oromoo keessatti adda dureedhan caqasamnidha. Kunis kitaaba galatoo (qiddaasee) Afaan Oromoo keessatti koree ta’uudhan hanga xumuraatti akka fiixa bahu gumaacha mataa isaanii taasisuudhaan, kutaa lallaba Shawaa Kibba Lixaa keessatti hanga baadiyyaa deemuudhaan namoota dhiibban irra gahu jajjabeessuudhaan; Afaan Oromon barsiisuudhaan, kutaa lallaba isaanii keessatti tajaajilli Afaan Oromoo akka kennamu yeroo jalqabaaf chaappaa isaaniitiin Waldaa Duuka Bu`ootaatiif beekkamtii kennuudhaan gumaacha olaanaa nama tasisanidha jedhameeti jira.
GIPHY App Key not set. Please check settings