in

Barattoonni Yuunvarsiitiilee adda addaafi manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa haleellaa Oromoo irratti aggaamame qolachuuf uummatni Oromoo hunduu akka waliif birmatu yaamicha taasisan.


Barattoonni Yuunvarsiitiilee adda addaafi manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa haleellaa Oromoo irratti aggaamame qolachuuf uummatni Oromoo hunduu akka waliif birmatu yaamicha taasisan.

 

Mormiin jalqabae jabaatee itti fufuu qabas jedhaniiru.

Yuunvarsiitiileefi manneen barnootaa har’a hiriira mormii geggeessan irraa barattoota dubbisnee jirra.

Barataan Yuunvarsiitii Dirre Dhawaa akka jedhutti, kaleessa galgala toora sa’a sadii hanga sadiifi walakkaatti hiriirri guddaan mooraa Yuunvarsiitii keessatti adeemsifameera.

Hiriirri kunis gocha humnoota faannoofi hidhattoota Amaaraatiin Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru balaaleffachuuf akka ta’e himuun, uummatni Oromoo bal’aan yakka duguuggaa qe’eesaatti isarratti raawwatamaa jiru kana utuu walirratti hin ilaalin waliif birmachuu akka qabu dhaame.

Bifuma wal fakkaatuun barattoonni Yuunvarsiitii Amboo OMN dubbise, hiriirri balaaleffannaa mooraa Yuunvarsiitii Amboo lamaan keessatti adeemsifamuu himan.

Hiriirichis balaaleffannaa humnoota faannoofi haleellaa Diroonii bakka bakkatti raawwatamaa jiru balaaleffachuuf akka ta’e himan.

Haaluma kanaan uummatni Oromoo kallattii arfanirraa yakka duguuggaa isarratti raawwatamaa jiru kana balaaleffachuu fi qolachuu qabas jedhaniiru.

Bifuma wal fakkaatuun barattoonni Yuunvarsiitii Miizaan Teeppii nyaata lagachuun, mormii guddaa adeemsisaniiru.

Yuunvarsiitii Miizaan teeppii mooraa teeppii keessatti  barattoonni diddaa isaanii nyaata lagachuun akka adeemsisan kan himan yoo ta’aan, ajjechaan, buqqaatiifi saamichi qe’ee Oromoorraa dhaabbachuu akka qabus gaafataniiru.

Hiriirri balaaleffannaa kun sadarkaa Yuunvarsiitii qofatti osoo hin taane manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa adda addaa keessattis babal’ateera.

Magaalaa Naqamtee, Sulultaa, Madda Walaabuufi Finfinnee keessatti mormiin barattootaa guddaan dhohee jira.

Har’a ganama mana barumsaa jeneraal Waaqoo Guutuu kan Finfinneetti argamu keessatti hiriirri mormii guddaan adeemsifamuu kan himan maddeen, barattootaafi barsiisota hirmaachisuun hiriirri balaaleffannaa halleellaa faannoo adeemsifameera jedhan.

Barattoonni mana barumsaa sadarkaa 2ffaafi dhaabbilee olaanoo dhaamsa dhaamaniin, barataan, barsiisaafi hojjetaan mootummaa hunduu, ajjechaa suukkanneessaa ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiru balaaleffachuu, darbees uummata irraa ittisuuf ofqopheessuu qaba jedhaniiru.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Ethiopia Welcomes Signing of Sudan’s Framework Agreement –

News: Four university lecturers detained in Arba Minch in connection with strike released today