in

Barattoonni Yuunvarsiitii Dirre Dhawaa duula qinda’aa hidhattoonni Faannoo Oromiyaarratti banan balaaleffachuun hiriira mormii guddaa adeemsisan.

[ad_1]

Barattoonni Yuunvarsiitii Dirre Dhawaa duula qinda’aa hidhattoonni Faannoo Oromiyaarratti banan balaaleffachuun hiriira mormii guddaa adeemsisan.

 

Hiriirichi galgala kana sa’a sadii hanga sa’a sadiifi walakkaatti akka adeemsifame barataan Yuunvarsiitii Dirre Dhaawaa OMN-tte hime.

Duulli qinda’aa kun walta’insa mootummaa naannoo Oromiyaafi Amaaraatiin adeemsifamaa jiraachuusaaf ragaan guddaa callisuu mootummaa naannoo Oromiyaati kan jedhan barattoonni Yuunvarsiitii Dirre Dhaawaa, ajjechaafi buqqaatiin Oromoo aanaalee naannawaa daangaa jiran keessa jiraatu irratti raawwatamaa jiru, miidhama Oromoo maraati waan ta’eef, ajjechaan nurraa haa dhaabbatu jennee gaafachaa jirra jedhan.

Barattoonni Oromoo Yuunvarsiitii Dirre Dhawaa sagalee tokkoon yakka duguuggaa sanyii kana balaaleffachuuf dirreetti akka ba’aan himanii,  hiriirichi ajjechaafi buqqaatii hidhattoota faannoo balaaleffachuun cinatti, yakka hammaataa Oromiyaa guutuu keessatti raawwatamaa jiru akka gurri addunyaa dhaga’uuf gaafachuu dabalata jedhaniiru.

Hiriirri kun daqiiqaa soddomaaf erga adeemsifamee booda, humni poolisii federaalaa mooraa Yuunvarsiitii seenuun dhukaasa banee hiriiricha bitinneessuu kan himan maddeen, barattooti bittinnaa’uufi mooraan ammallee hin tasgabbaa’in jiraachuu OMN-tti himaniiru.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Government, TPLF joint committee meets to discuss disarmament plan of Tigrayan combatants | Addis Zeybe

Armed groups continue killing civilians in east Wollega zone, Ethiopia’s Oromia region – Mereja