in

Barattoonni Oromoo 12 sababa sirba Afaan Oromoo sirbaniif Yuunivarsiitii Qabrii Dahaarii aryatamuun ibsame. – OMN

[ad_1]

Barattoonni Oromoo 12 sababa sirba Afaan Oromoo sirbaniif Yuunivarsiitii Qabrii Dahaarii aryatamuun ibsame.

 

Sagantaa simannaa barattoota haaraa irratti Afaan Oromoo sirbineef tarkaanfiin kun nurratti fudhatame jedhaniiru.

Caamsaa 28 bara 2014 jechuun guyyoota 10 dura sagantaan simannaa barattoota haaraa mooraa Yuunvarsiitii Qabirii Dahaar keessa akka ture himu barattoonni OMN dubbise.

Sagantaa kana irratti barattoonni hunduu naannoo garaagaraa irraa dhufan bakka bu’uun akkaataa adda addaan keessummeeffamaa akka turan eeranii, waltajjii irratti sirboota sirbamaa turan hunduu dabareedhaan baratootni waliin sirbaa turan jedhan.

Dhuma irratti sirba Afaan Oromoo Yoosan Geetaahun “Bulloon Garmaamu tola” jedhu banamnaan barattoonni Oromoos akkuma barattootaa kaanii waliin sirbuuf yoo ol ka’aan, gidduutti muuziqaan akka cufame dubbatan. 

Yeroo sanatti jeequmsi homaatuu hin turre kan jedhan barattoonni, ergasii garuu qaamoleen nageenya mooraa Yuunvarsiitiichaa fi gamtaan barattootaa, barattoota Afaan Oromoo sirban jechuun qofaatti ijoollee Oromoo to’achaa akka turan dubbatan.

Badii fi yakka tokko malees sababa sirba Afaan Oromoo waliin sirbine qofaaf barattoota Oromoo 12 qofaatti adda baasuun barnoota irraa aryachuu barattoonni himaniiti jiru.

Barattoota Oromoo to’ataman hedduu keessaa barattoota kudha lama qofaatti adda baasuun, borumtaa isaa jechuunis Caamsaa 29, 2014 xalayaa geggeessituu kennuufiin mooraa irraa aryatamuu barataan aryatame tokko nutti hime.

Waltajjii sana irratti muuziqaan Afaan Amaaraa fi Afaan Simaalee sirbamee akka ture kan himu barataan kun, kan Afaan Oromoo daqiiqaa tokkollee utuu hin sirbamin adda citee dhumarras barattoota waliin sirban hidhuun sababa maaliif akka ta’e gaaffii akka isaanitti uume himaniiru.

Qorannoo tokko malee murtii namoota muraasaatiin aryatamne jedha barataan kun.

Barattoota 12 aryataman keessaa barattoonni lama barattoota haaraa bara kana Yuunvarsiitii seenan ta’uu kan himu maddi keenya, barattoonni waggaa 3ffaa fi 2ffaas akka keessatti argaman dubbata.

Barataan waggaa 3ffaa Yuunvarsiitiicha irraa aryatame mana nama dhuunfaa keessatti guyyaa lamaaf erga hidhamanii booda Dilbata ganama hiikamuun gara Jigjigaatti ergamuu hima.

Barattoonni Oromoo kun yeroo ammaa daandii irra jiraachuu himanii, qaamni dhimmi ilaallatu furmaata akka kennuuf gaafaaniiru.

Dhimma kana irratti bulchiinsa Yuunivarsiitichaa dubbisuuf yaaliin goone ammaaf hin milkoofne.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Some 65 Industries Affected by Conflict Start Production in full Capacity: Ministry | Satenaw: Ethiopian News

Haleellaa suukanneessaa magaalaa Gambeellaatti dhalattoota Oromoo addatti fo’uun raawwatameen namoonni nagaa hedduun ajjeefamuun himame. – OMN