in

Bara 2016 irraa eegalee Warraaqsa qeerroo Oromiyaa keessatti hirmaannaa olaanaadhaan kan beekamu dargaggoon godina Buunnoo Beddellee Dirribaa Tasammaa hidhattoota mootummaatiin ajjeefamuu hiriyoonni isaa OMN’tti himan.


Bara 2016  irraa eegalee Warraaqsa qeerroo Oromiyaa keessatti hirmaannaa olaanaadhaan kan beekamu dargaggoon godina Buunnoo Beddellee  Dirribaa Tasammaa hidhattoota mootummaatiin ajjeefamuu hiriyoonni isaa OMN’tti himan.

 

Salaale aanaa Hidhabuu Abooteettis  hidhattoonni mootummaa qonnaan bulaa   ganda Walee  Mojoo Tasfaayee Daadhii    jedhamu ajjeessuu maatiin OMN’tti himan.

Dargaggoon  Dirribaa Tasammaa  qeerroowwan waggaa 4 duraa   gaafa warraaqsa  uummataa sochoosaa turan keessaa nama tokko Godina Buunnoo Aanaa Daaboo Haannaa keessatti dargaggoota ijaaruu fi sossoosuun beekama. 

Kibxata dheengaddaa jechuunis Onkololeessa 25, 2022 barii Poolisiin aanichaa ganda keessa jiraatu Dhaayee jedhamtu dhaquun mana isaatii halkan bari’uuf jedhu sa’aatii 10tti fuudhuun naannoo sa’aatii 11:00tti mandara jiraaturraa xinnuma fageessuun rashanuu hiriyoonni isaa OMN’tti himanii jiru.  

Dargaggeessi kun badii tokkollee kan hin qabnee fi jireenya dhuunfaa isaa jiraachaa akka ture dha kan himan hirriyoonnisaa. 

Bara warraaqsa qeerroo hirmaannaa jabaa gochaa turuu isaatiin qofa humnoota mootummaatiin diinofatamee turuu quba qabu.

Qeerroon kun Poolisii aanaa Daaboo Haannaatiin ajjeefamuu himanii jiru hiriyoonni isaa.  

Dirribaa Tasammaa bara darbe keessa nama bultii ijaaree jiru yoo ta’u haati warraa isaa ulfa ji’a 8 ta’uu himu waahillan isaa.

Salaale aanaa Hidhabuu Abooteettis  hidhattoonni mootummaa qonnaan bulaa   ganda Weelluu  Mojoo Tasfaayee Daadhii    jedhamu ajjeessuu maatiin OMN’tti himan.

Obbo Tasfaayee Daadhii ilmi kee bosona jira sababa jedhuun osoo magaalaa galuu adamsanii Sanbata xinnaa darbe mana hidhaa geessuun erga reebicha hamaa irratti raawwatanii booda bariisaa Dilbata darbe mana yaalaatti du’uu dhageenye.

Ilmisaa miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo ta’uu kan amanan maatiin Obbo Tasfaayee Obbo Tasfaayeen garuu mootummaa faana hariiroo diinummaa horate akka hin qabne OMN’tti himanii jiran. 

Jiraataan gana Walee OMN dubbisee fi ajjeechaa qonnaan bulaa kanaa quba qabu namni isa ajjeese milishaa ganda sanaa kan amma gara magaalaa  teessoo aanichaatti godaane Asmaraa Alamuu fi warra isa waliin turan jedhan. 

OMN Milishaa Asmaraa bilbilaan dubbiseera. Obbo Asmaraan ani hin ajjeefne hidhattoota biraati jechuun waakkate.

Bulchaan aanaa Hidhabuu Abootee Obbo Yaazaachoon dhimma kana ilaalchisuun bilbilaan dubbifneerra. Obbo Yaazaachoon diina waan ta’eef ajjeefame jechuun OMNtti himan. 

Godinichatti irra deddeebiin hidhattoonni mootummaa namoota nagaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabdu jechuun ajjeesaa turuu OMN gabaasaa ture.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Aanaa Cobiitti Maatiin haleellaa dirooniif saaxilaman waldhaansa dhabanii rakkachaa jirra jedhu. – OMN

News: Ethiopian Red Cross Society condemns killing of on duty ambulance driver, injured patients onboard