in

Baqattoonni Oromoo biyya Somaalilaand magaalaa Hargeessaa jiraatan dararaan humnoota nageenyaa mootummaatiin rratti rawwatamaa jiru hammaatee itti fufuu himan.

[ad_1]

Baqattoonni Oromoo biyya Somaalilaand magaalaa Hargeessaa jiraatan dararaan humnoota nageenyaa mootummaatiin rratti rawwatamaa jiru hammaatee itti fufuu himan. 

 

Dararaa nurra gahaa jirtuuf qaama furmaata nuuf kennu dhabne, haala hammaataa keessatti argamnaa jedhan.

Akka baqattoonni OMN dubbise himanitti qaamonni mootummaa biyyattii mana jireenyaatti akkasuma iddoowwan hojii fi gabaa keessatti baqattoota kanneen reebicha irratti raawwachuun mana hidhaatti darbataa jiru.

Erga hidhanii maallaqa guddaa gaafatuu jedhan.

Reebicha hamaa isaanirra gaheen kanneen qaamaa hir’atan baay’een manneen hidhaa biyyattii keessatti akkka argamanis odeeffannee jirra.

Kana malees lammiilee biyyattii isaan irratti kakaasaa jiraachuu baqattoonni himatu.

Gama birootiin waajjirri dhaabbata mirga baqattootaaf falmu UNHCR bara 2021 irraa kaasee hanga ammaatti isin hin galmeessinu jechuun galmee nu dhoorgee jedhan.  

Kanumaan walqabatee daa’imman isaanii tajaajila waajjirichi daa’imman baqattoota biroof kennaa jiru kanneen  akka tajaajila fayyaa fi barnootaa argataa akka hin jirre eeranii, haala hamaa keessa jiraachuu dubbatan. 

Gara biyyaa isin galchina jechuun namoonni qaamoota mootummaa kanaan qabamanii konkolaataatti fe’aman hedduun osoo bakka hin gahin daangaa irratti buufamaa jiraachuu kan himan maddeen isaan keessatti daa’immanii fi dubartoonni kan argaman tahuu ibsan.

Rakkoo hammaataa keessummeessaa jiraachuu kan himan dhalattoonni Oromoo kun, rakkoo biyya tana keessatti nurra gahaa jirtu tanaaf qaama furmaata nuuf kennu dhabnee jedhan. 

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

US Promises Close to 1.2 Billion USD to Feed Horn of Africa, Urges Others to Help –

SAVE THE CHILDREN INTERNATIONAL – Capital Newspaper