[ad_1]
Bakka Bu’aa KFO Aanaa Kofaleefi miseensa koree giddu galeessa KFO Obbo Biliisa Hajii erga hidhamanii ji’a tokko caalanis hanga yoonaa mana murtiitti hin dhihaatin jiru jedhu maatiin.
Dhimma isaanii ilaalchisee bakka itti iyyannuufi himannu dhabneerra jedhan.
Obbo Biliisaa Hajii jalqaba ji’a Fulbaanaa keessa magaalaa Kofaleetti bakka hojii isaaniirraa humnoota mootummaatiin kan qabaman yoo ta’aan, tibba dura qabaman Shaashemannee geeffamuun hidhamanis, guyyoota muraasa booda gara Kofaleetti deebifamuun waajjira poolisii aanaa Kofaleetti hidhamuu isaanii maatiin himaniiru.
Bakka bu’aa KFO aanaa Kofalee kan ta’an Obbo Biliisaan, paartii seera qabeessaafi boordii filannoorraa beekamtii qabu Kongiransii Federaalawa Oromootiif miseensa ta’uun, aanichatti tajaajilaa jiraachuun alatti, badii addaa raawwatan homaatuu hin qaban jedhu hiriyootni isaanii OMN dubbise.
Erga isaan hidhamanii as maatiinsaanii rakkoo keessatti kufuufi deggersa dhabuun rakkachaa jiraachuu himan maddeen.
Yaa’ii waliigalaa KFO bara kana geggeeffame irratti, Miseensa Koree Gidduu KFO ta’uun filamanii akka turan kan yaadachiisan maatiin, obbo Biliisaan hojii paartiisaanii bakka bu’uun hojjetaniin alatti maatii ofii jiraachisuufis hojii dhuunfaatti nama bobba’anii jiraatandha jedhu.
Haa ta’uu malee humnoonni mootummaa erga isaan hidhanii, mana murtiitti dhihaachuus ta’e mirga seerri kennuuf kamuu sarbamuun, mirga wabiitiin hiikamuus dhorkamanii mana hidhaa keessatti dararamaa jiraachuu OMN odeeffateera.
Akka maatiin Obbo Biliisaa OMN-tti himanitti, haati warraa obbo Biliisaa sababa hojiitiin biyya keessa waan hin jirreef, daa’imman isaanii abbaafi haadha malee faffaca’uuf dirqamaniiru.
Godina Arsii lixa keessatti bakka buutonni KFO aanaaleefi godinaa hedduun hidhamanii jiraachuu OMN gabaasaa turuun ni yaadatama.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings