in

Badhaasa Ogbarruu Gaaddisaaf qophiin xumuramaa jiraachuu koreen badhaasichaa beeksise. – OMN

[ad_1]

Badhaasa Ogbarruu Gaaddisaaf qophiin xumuramaa jiraachuu koreen badhaasichaa beeksise.

 

Waldaan Barreessitoota Oromiyaa badhaasa ogbarruu Gaaddisaa ilaalchisee miidiyaaf ibsa kenneeti jira.

Sirni Badhaasa Ogbarruu Gaaddisaa Adoolessa 30 bara 2022 Galma Hoteela Internaashinaalii Ililliitti akka geggeeffamu koreen badhaasichaa miidiyaaleef ibseera.

Badhaasni Gaaddisaa jedhamee moggaafame kun badhaasa Ogbarruu akka biyyattiitti kan jalqabaa akka ta’etu ibsame.

Badhaafamtootni bara kanaa calalamuun qophiin dursaa ji’a afur dura akka eegalames ibsameera.

Moggaasni badhaasichaa maqaa barreessaa asoosama Afaan Oromoo hangafaa obbo Gaaddisaa Birruutiin kan moggaafame yoo ta’u, obbo Gaaddisaan abbaa asoosama ammayyaa Afaan Oromooti jedhamuun waltajjicha irratti ibsamaniiru.

Obbo Gaaddisaa Birruu asoosama dheeraa Afaan Oromoo afur oliifi kitaabolee saayinsii afaan Oromoo, qubeedhaan barreessuun barreessaa hangafa. 

Waggaa 12 duras Waldaa Barreessitoota Oromiyaa hundeessuu keessatti adda duree turuu isaanii koree badhaasichaa keessaa tokko kan ta’aan obbo Isaayyas Hordofaa himaniiru.

Obbo Gaaddisaan Waggoota dura dhukkubsachuun wal’aanamaa erga turanii booda bara darbe lubbuun darbaniiru.

Badhaasni kunis isaan yaadachuuf maqaa isaaniin akka moggaafame korichi ibseera.

Badhaasa kana irratti gosootni ogbarruu: Walaloo, Asoosama dheeraa fi gabaabaa, Diraamaa, Wallee fi Iskiriiptiin Fiilmii, akkasumas Kitaaboleen seenaafaa kan hammataman ta’uun himameera.

Jalqabbiin Badhaasa bara kanaas barreessitoota Oromoo hangafaaf beekamtii badhaasichaa kennuun akka eegalamutu himame.

Badhaasni guddaan kun qulqullina Ogbarruu Oromootiif bu’ura haaraa ni ka’a jedhameetu eegama.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: Ethiopian Blood and Tissue Bank hit by blood shortage, appeals for donors

News: Wag Hemra Zone receives first aid convoy in more than a year