in

Babal’inni magaalaa Finfinnee bara 1987 as, aanaalee Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee 3 qofa keessaa gandoota 22 ol liqimsuu qorannoon Koree Waloo Bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin taasifame mirkaneesse.

[ad_1]

Babal’inni magaalaa Finfinnee bara 1987 as, aanaalee Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee 3 qofa keessaa gandoota 22 ol  liqimsuu qorannoon Koree Waloo Bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin taasifame mirkaneesse.

 

Aanaalee Barak Alaltuu, Aqaaqii fi Sabbataa Hawaas qofa keessatti gandoonni 22 ol Finfinneen liqimfamuu kan eeru gabaasni qorannoo kanaa, qabiyyeen lafa magaalattii hektaara kuma 21 irraa gara hektaara kuma 54tti guddachuus ibsa.

Argannoon qorannoo kanaa, Finfinneen seeraan ala weerara lafaa geggeessaa  turuu mirkaneessus, murtoon tibbana qorannoo koree kanaa bu’uura godhatee darbe jedhame garuu, adeemsa seeraan alaa Finfinneen waggoota 30n darbaniif itti turte kanaaf kan beekamtii seerummaa kennu taheera.

Ragaan ‘Gabaasa Raawwii Hojii Dhimma Daangaa Bulchiinsaa Kan Magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee’ mata duree jedhuun qophaa’ee fi OMN qaqqabe akka mul’isutti, rakkoolee babal’ina magaalaa Finfinneetiin walqabatee mudataa ture furuuf, kallattii manni maree ADWUI bara 2009 kaa’een, Koreen Olaanaa hogganoota olaanoo Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi kan Mootummaa Naannoo Oromiyaa of keessatti hammatee fi Koreen Tekinikaa hundaa’ee rakkoo kana qorataa tureera.

Murtoo daangaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee tibbana murtaa’eefis argannoowwan qorannoo koree waloo kanaa bu’uura ta’uu eera gabaasni kun. Haata’u malee argannoowwan koreen kun irra gahe jedheefi murtoon murtaa’e kan wal hin simanne ta’eera.

Bu’uura gabaasa qorannoo kanaatiin babal’inni Finfinnee bara 1987 as aanaalee Bulchiinsa Oromiyaa jala turan sadii: Aqaaqii, Barak Alaltuu fi Sabbataa Hawaas qofa keessaa gandoota 22 ol liqimseera. 

Qabiyyeen lafa magaalattiis waggoota 30n darbanitti dachaa oliin guddachuun hektaara kuma 54 gaheera. 

Babal’inni Finfinnee kun yeroo raawwatamutti adeemsi ture adeemsa seeraan alaa, kan beekamtii Mootummaa Naannoo Oromiyaas ta’e fedhii hawaasa naannoo giddugala hin godhanne ture jedha ragaan kun.

Adeemsi babal’ina magaalattii  bifa Aadaa, Afaan fi Eenyummaa Ummatichaa dhabamsiisu, Qabiyyeesaa saamee mirga qabeenya horachuu ummatichaa mulquun deegaaf saaxilu, Shirri siyaasaa hamaa fi adeemsi haqa dabsuu cimaan kan ittiin raawwatame ture jedha ragaan kun.

Waliigalaan babal’inni Finfinnee ummatichaaf rakkoo hawaasummaa, rakkoo diinagdee fi rakkoo siyaasaa ta’uus eera. 

Rakkoon kun rakkoo bulchiinsa gaarii hamaa ta’uun ummaticha gara finciluutti kan oofe akka ta’es ragaa baha. 

Babal’inni Finfinneen keessumaa waggoota soddomman darbaniif raawwataa baate, weerara lafaa seeraan ala raawwatamee fi gocha hawaasa naannoo irratti dhiibbaa guddaa hordofsiisaa ture tahuu mirkaneesseera. 

Adeemsichi seeraan ala ta’uun itti waliif galameera jedha ragaan kun.  

Murtoon tibbana bu’aa qorannoo kanaa bu’uura godhachuun murtaa’e jedhame garuu, adeemsa seeraan alaa kana sirreessuun bakkatti deebisuu osoo hin taane, adeemsa seeraan alaa waggoota soddomman darbaniif itti fufiinsaan raawwatamaa ba’aniif beekamtii seerummaa kan kennu taheera. 

Ummata sababa babal’ina magaalattiin rakkoolee isa mudataniin dararamaa baheefis furmaanni argamsiise hin jiru.

Murtoo tibbanaatiin Finfinneen iddoowwan weeraraan qabattee bulchaa jirtu itti fufiinsaan akka bulchituuf beekamtiin kennameera. 

Lafti magaalattii jala hin turre biroon illee dabalataan Finfinnee jalatti akka buluuf murtaa’eera. 

Gaaffiin Ummanni Oromoo dhimmichaan walqabatee gaafataa turee fi qorannoon kun akka taasifamuuf bu’uura ture garuu Finfinneen weerara lafaa seeraan ala raawwataa baateef beekamtii seerummaa akka argattu, lafti dabalataa muramee daangaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee jala akka galuuf hin turre. 

“Finfinneen handhuura Oromiyaati, Oromiyaa jalatti buluu qabdi, daangaan bulchiinsaa ishees yoo xiqqaate bakka waggoota 30 dura tureetti deebi’uu qaba” kan jedhu ture gaaffiin ummatichaa. 

Murtoon darbe garuu faallaa gaaffii ummataa kan tarkaanfate, babal’ina seeraan ala hanga har’aattuu itti fufiinsaan raawwatamaa jiruuf beekamtii seerummaa kan kenne; waa’ee Finfinneen walqabatee daba marsaa biraa, bara bulchiinsa biltsiginnaatti ummata Oromoo irratti raawwatame ta’eera.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee murtii seena qabeessatu murtaa’e jedhaniin.

Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa waggaa afur dura daangaan bulchiinsaa magaalaa Finfinnee bakka bara Chartaraatti deebi’uu qaba jedhanii mormaa turan har’a yaada jijjiiranii murtii dabaa kana fuuldura namuu akka hin dhaabbanne jechuun akeekkachiisuuf wayita yaalan miidiyaan dhagahaman.

Oromoon garuu namni dhuunfaa tarii fayidaan jijjiiramuu danda’a, gaaffiin koo garuu isuma kaleessaati hin deebinee jechaa jira obbo Shimallisiin.

Murtiin ammaa akkuma aadde Adaanach jedhan murtii seena qabeessa, garuu seenaa badaa Oromoo irratti raawwatame Oromoon yoomuu hin daganne jedhamaa jiras.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Ethiopian Airlines suspends flight crew reported to be sleeping on flight | Addis Zeybe

News: US court dismisses two years litigation to shut down OMN