in

Baale aanaa Gurra Dhaamoleetti rakkoon nageenyaa fi beelaa akkuma itti fufetti jira jedhan jiraattonni. – OMN

[ad_1]

Baale aanaa Gurra Dhaamoleetti rakkoon nageenyaa fi beelaa akkuma itti fufetti jira jedhan jiraattonni.

 

Ganda Habroonaa jedhamu keessatti hidhattoonni daangaa cehuun lola ummata irratti bananiin ummanni buqqa’ee Gaara Habroonaa jedhamu irratti walitti qabamee jiraachuu kan himan maddeen odeefannoo OMN, ummanni kun gaara kana irratti marfamee dheebuu fi beelaan dararamaa jiraa jedhan.

Kanneen Ganda Hokkoltuu irraa buqqa’uun aanaa Dalloo Mannaa qubatanis furmaata hin arganne.

Ji’ootaaf haleellaan hidhattoota naannoo Somaaleetiin aanaa Gurra Dhaamolee ganda Hokkoltuu fi Habroonaa irratti kan raawwatamaa ture yemmuu ta’u, ummanni gandoota kana lamaanii balaa beelaa fi haleellaa hidhattootaatiin ji’oota 4f rakkoo guddaa keessummeessaa jira.

Ganda Habroonaa jedhamu keessatti hidhattoonni daangaa cehuun lola ummata irratti bananiin ummanni buqqa’ee Gaara Habroonaa jedhamu irratti walitti qabamee jiraachuu kan himan maddeen odeefannoo OMN, ummanni kun gaara kana irratti marfamee dheebuu fi beelaan dararamaa jiraa jedhan.

Hidhattoonni babal’ifannaa lafaatiif daangaa cehanii birmadummaa Oromiyaa sarban kun, lafa diriiraa biyyee gabbataa qabu, ummata irraa buqqisuun qabachuu dabalatee maddeen bishaan bakka ummanni irraa fayyadamu hunda irratti matarayyaasa hidhuun akka ummanni itti hin fayyadamne godhaa jiraachuu maddeen naannichaa OMNtti himan jiru.

Jiraataan nageenya isaatiif maqaa fi sagaleen isaanii akka hin caqafamne barbaadan tokko akka jedhanitti ganda Habroonaa bakka addaa Turjii jedhamtu kan mootummaan naannoo Oromiyaa waggaa tokko dura boolla bishaanii itti qotuuf jalqabee dhaabe hidhattoonni naannoo Somaalee irraa dhufan to’achuu himan.

Lafti kun lafa diriiraa qonnaa fi horsiisa looniiif ta’uudha jedhan.

Hidhattoonni kun meeshaa waraanaa gurguddaa fayyadamuun ummata qe’ee fi lafa isaa irraa kan buqqisan yemmuu ta’u, manneen ummanni keessaa buqqa’e ibiddaan barbadeessuu dubbataniiru.

Haleellaa hidhattoota naannoo Somaalee irraa daangaa cee’anii ummata irratti raawwatan kanaan ummanni ganda Hokkoltuu guutumaatti buqqa’uun aanaa Dalloo Mannaa qubatee jiraachuu odeeffanne.

Hidhattoonni kun weerara daangaa qofa osoo hin taanee deeggarsi namoomaa ummata kana akka hin dhaqqabnee fi ummanni gabaa dhaqee miidhaan nyaataa akka hin bitanneef daandii cufuun miidhaa ulfaataa ummata irraan gahuu irraa kan ka’e ummanni kun gara aanota ollaatti baqachuuf dirqamuutu ibsame.

Ummanni ganda Hokkoltuu deeggarsi namoomaa akka isaan hin dhaqqabnee fi gabaa hin bayanne hidhattoonni naannoo Somaalee bakka Qarsaa Gabaabaa jedhamutti daandii cufuun ummata dararaa kan turan yemmuu ta’u, lola ummata irratti baname kanaan namoonni hedduu akka ajjeefaman maddeen ibsanii jiru.

Akkasuma bakka Caffaa jedhamutti namoonni baay’een haleellaa humnoota kanneeniitiin lubbuu dhabanii jiru jedhame. 

DW Waajjira Hooggansa Sodaa Balaa Godina Baalee Wabeefachuun akka gabaasetti, lakkoofsi ummata ganda Hokkoltuu irraa buqqa’uu, aanaa Dalloo Mannaa ganda Kal’ee Golbaa keessa qabatan kuma 8 gahee jira.

Itti gaafatamaan Waajjira Hooggansa Sodaa Balaa Godina Baalee obbo Wandimmaagany Kabbadaa akka himanitti gandi Hokkoltuu  naannoo Somaalee wajjiin waan wal daangeessituuf ummanni gandichaa walitti bu’insaan buqqa’anii jedhan.

Buqqaatii gandoota lamaan kana irratti raawwatamaa jiruun cinatti gandoota biroo jaha keessattis haleellaa fi saamichi raawwatamaa jiraachuu fi jiraattoonni ganda Qootuu fi Barkallee gara Barbaree fi Dawwee Qaachan baqataa jiraachuu DW jiraattoota wabeefachuun gabaasee jira. 

“Ka’umsi rakkoo kanaa, gama naannoo Somaalee irraa daangaa ce’uun maqaa invastimantiin nama qubsiisuun lafa qotuu jira. Walitti bu’iinsi kun mul’achuu erga eegalee gara baatii lama ta’ee jira” kan jedhan qondaallii Waajjira Hooggansa Sodaa Balaa Godina Baalee rakkoo kana hiikuuf sadarkaa godinaatti yaalii akka taasisaa turan ibsu.

Hidhattoonni naannoo Somaalee  dhukaasa banuu fi midhaan deeggarsaa ummata akka hin dhaqqabne karaa cufanii saamuu, darbees uummata buqqisuun fedhii naannicha to’achuutu jira. 

Ummanni haala kanaan mufachuun ganda Hookkoltuu qofa irraa abbootiin warraa 1 fi 38 ykn namoonni 8,759 buqqa’uun aanaa Dalloo Mannaa qubatanii jiru jechuun hoogganaan Wajjiira Sodaa Balaa Godina Baalee kun ibsanii jiru.

Rakkoon kun hundee irraa saffisaan yoo hin furamne, lakkoofsi buqqaatotaa dabaluu akka danda’uu kan ibsan qondaalli kun, hooggantoonni naannolee lamaanii fi mootummaan federaalaa gidduu seenuun dhimmicha akka furan gaafataniiti jiru.

Weerara daangaa Oromiyaa irratti labsame kana dhaabsiisuu fi ummata qe’eef qabeenya isaa irraa buqqa’e qe’etti deebisuuf tattaaffiin mootummaa naannoo Oromiyaatiin taasifame hanga ammaatti akka hin jirre jiraattoonni himanii jiru.

Kana dura bulchaan aanaa Gurra Dhaamolee obbo Bayaan Sh/Xaahaa dhimmicha furuuf hojjataa jirra jechuun OMNtti himanii turan.

Kanaan ala  dhimma kana irratti Itti gaafatamaa bulchiinsaa fi nageenya aanaa Gurra Dhaamolee obbo Muhaammad Ibraahim Roobaa, Itti gaafatamaa Waajjira Biltsiginnaa aanichaa obbo Waaqoo Taammiruu fi bulchaa ganda Habroonaa dubbisuuf yaaliin taasifne hin milkooyne.

Dhimma kana irratti akkuma yaada isaanii arganneen kan isin biraan geennu ta’a.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

International Rescue Committee – Capital Newspaper

Ethiopia to Repatriate Migrants From Zambia – | Satenaw: Ethiopian News