[ad_1]
Ayyaanni Irreechaa Oromiyaan ala Afrikaa, Awurooppaa, Ameerikaa fi Awustraaliyaatti kabajamaa jira.
Hawaasni Oromoo Afrikaa Kibbaa magaalaa Johaanisbargii fi naannawa isii jiraatu ayyaana irreecha birraa guyyaa 2 dura haala hoo’aan kabajatee jiraachuu koreen qindeessituu ayyaanichaa himeeti jira.
Akkasuma guyyaa kaleessaa biyya Awustiraaliyaa magaalaa Meelboornittis irreechi malkaa kabajameera.
Dhalattoonni Oromoo magaalaa Meelboornii fi naannawa isii jiraatan baay’inaan kan irratti argaman yoo ta’u, qeerroo, qarree, haadholii siinqee fi manguddoonni uffata aadaatiin faayamuun ayyaanicha miidhagsaniiru.
Hawaasni Oromoo biyya Keeniyaa magaalaa Naayiroobii jiraatus Irreecha birraa baranaa guyyaa kaleessaa haala miidhagaan kabajataniiru.
Sanbata darbe biyya Niw Ziiland magaalaa Wellingtan, UK magaalaa Landan, Siwiidin magaala Lund-tti ayyaanni irreechaa kabajamuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings