Ayyaanni Irreechaa kutaalee addunyaa garaagaraatti itti fufiinsaan kabajamaa jira.
Dhalattoonni Oromoo Ameerikaa Kaabaa magaalota Siyaatil fi Washingitan DC tti kaleessa haala hawwataan Irreecha bara 2022 kabajataniiru.
Irreecha magaalota kanneenitti kabajame irratti dhalattoonni Oromoo garas jiraatan hedduun kan hirmaatan wayita ta’u, hirmaattonni sirnichaa aadaa isaaniin faayamanii dhiyaachuun miidhagina duudhaa kanaa mul’isaniiru.
Sanbata duraa ammoo biyya Niw Ziilaand magaalaa Weliingtan, UK magaalaa Landan, Siwiidin magaala Lund-tti Irreechi haala miidhagaan kabajamuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
Keeniyaattis Irreechi irreeffatamee jira.
Dhalattoonni Oromoo kutaalee addunyaa garaagaraatti tokkummaan Irreecha kabajaa jiran kunniin duudhaa kana guddisuu, addunyaatti beeksisuu fi dhalootatti dabarsuuf hojiilee hojjetamaa jiran keessatti qooda gama isaanii ba’aa jiru.
Duudhaan Irreechaa Oromiyaarra darbee guutuu addunyaatti beekamtii argataa dhufe kun, Dhalattoota Oromoo kutaalee addunyaa garaagaraa jiraatan biratti waggaa waggaan ni kabajama.
Dhalattoonni Oromoo Ameerikaa Kaabaa magaalaa Siyaatilii fi naannooshee jiraatan kaleessa tokkummaan Malkaa Washingtan’tti walgahuun Irreecha haala miidhagaa fi hawwataa ta’een kabajataniiru.
Sirni Kabaja Irreecha Siyaatil kun akkaatuma duudhaa irreechaa Oromoon abboota isaarraa dhaalee mul’isuun kan kabajame waiyita ta’u, dhalattoonni Oromoo Siyaatilii fi naannooshee jiraatan hedduun tokkummaan ba’anii irratti hirmaataniiru.
Haaluma wal fakkaatuun dhalattoonni Oromoo magaalaa guddoo biyya Ameerikaa Washingitan DC fi Naannooshee jiraatanis Irreecha bara 2022 haala miidhagaan kabajataniiru.
Sirni kabaja Irreecha DC dhalattoonni Oromoo hedduun irratti hirmaatan kana Qeerroo fi Qarreen, Foolleen Oromoo aadaa isaaniin miidhaganii dhihaachuun sirnicha dhiichisaan dabaalaniiru.
Aadaa fi Duudhaa isaanii kabajuu fi beeksisuun cinattis rakkoolee ummanni Oromoo gama maraan keessa jiruuf sagalee kan ta’an hirmaattonni sirnichaa, mormii adeemsota sirni Itoophiyaatti aangoorra jiru hordofu irratti qaban dhageessisaniiru
Oromoof tokkummaatu barbaachisa jechuun bu’aa tokkummaa Oromummaa leellisaniiru; Deeggarsa Qabsoo Bilisummaa Oromootiif qabanis kan irratti mul’isan ture.
Dhalattoonni Oromoo biyya Keeniyaa magaalaa Naayiroobii jiraatanis Irreecha baranaa akkaatuma aadaa fi duudhaa Oromoo mul’isuun malkaa naannoo isaanii jirutti ba’anii kabajataniiru.
Ayyaani Irreechaa bara 2022, Sanbata duraa biyya Niw Ziiland magaalaa Weliingtan, UK magaalaa Landan, Siwiidin magaala Lund-tti kabajamuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
Magaaloota addunyaa biroottis itti fufiinsaan kan kabajamu ta’uu odeeffannoon dhalattoota Oromoo biyyoota garaagaraa jiraatan irraa nu qaqqabe ni mul’isa.
GIPHY App Key not set. Please check settings