in

Ayyaanni Irreecha Malkaa kan baranaa giddugala Oromiyaatti Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddugalaatiin bakkeewwan garagaraatti kabajame. – OMN

[ad_1]

Ayyaanni Irreecha Malkaa kan baranaa  giddugala Oromiyaatti Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddugalaatiin bakkeewwan garagaraatti kabajame.

 

Guyyaa Irreecha Hora Arsadii Onkoloolessa 2, 2022 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Cobii ganda Hoofuutti kan kabajame sirni Irreecha Malkaa qopheessummaa Cibraa Irbuu Shinniigaa fi Cibraa Migira Bakkeetiini.

Waraanichi ayyaanicha hawaasaa waliin kabaje. 

Sirna Irreecha kana irratti qondaalotaa fi loltoota WBO  dabalatee abbootiin gadaa fi jiraattonni hedduun irratti argamaniiru jedhame.

Waraanni Bilisummaa Oromoo haleellaa humnoonni mootummaa baatiiwwaniif walitti aansanii banan qolachuun uummata waliin irreeffate jedhu maddeen waraanaa.

Jila Irreeffannaa waraanichaa kanas gufachiisuuf sirnichi yaalii hedduu raawwate jedhu.  

Lafti irreeffannaa tun garuu to’annoo Waraana Bilisummaa Oromoo jala waan jirtuuf jilli kun oofkalee jira jedhan maddeen waraanaa.

Jila Irreechaa kanarratti hawaasa Oromoo waliin bu’aa bahii qabsoon Oromoo keessa darbee fi haala qabsoo Oromoo irratti marii gabaabaan  godhameera. 

Sagantaa kana irratti sirboonnii fi walaloon garagaraa dhihaatanii jiru.

Haaluma walfakkaatuun gandoota aanaalee godinaalee Shawaa Lixaa fi Shawaa Kibba Lixaa hedduu keessattis haala wal fakkaatuun irreeffatamee ooleera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo kutaa jiru baay’eetti Jila Irreechaa dirree qabsootti uummataa waliin kabajaa jira.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Grinding

Chilin’